Amma garuu Kiristoos warreen mugan hundaaf hangafa ta’ee du’a keessaa ka’eera.1 Qor.20 :15
- Dn Solomoon S./Dn Dhaabaa.
- Apr 19, 2017
- 5 min read
Maqaa Abbaa, kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaaqa tokkotti bara baraan ni Amanna Ameen! Manni kiristaanaa keenya kan isheen namaatti toltu keessaa inni tokko sirni Waaqeffannaa ishee kan samii ta’uu isaatin kan ka’e tokkoon tokko raawwii raawwatamu hundumtuu macaafa qulqulluurratti kan hundaa’edha. Addunyaa kanarratti guyyaa tokko keessastti jalqaba dukkana sa’a 12f erga lakkoofnee booda ifa agarra. Dukkanni fakkeenya jireenyaa lafa kanaarraa yoo ta’u ifti ammoo jireenya samii bakka buuti. Lafa kanarratti warri Amantii dhugaaf jecha gidiraafi dhiphina fudhatan samiirratti Jireenyi Ifaa akka isaan eeggatuuf fakkeenya dha. Akkuma kana Manni Kiristaanaa keenya ji’oota lamaaf tsooma fi kadhannaan erga of dadhabsiiftee booda dhumarratti ifa du’aa ka’uu gooftaa keenyaa agarti. Yeroowwan gaddaa fi dadhabbiin darban sun dhumarratti Ifa du’aa ka’uu Gooftaatiin bakka bu’u. Kanaaf dha guyyaan Du’aa ka’umsaa goyyoota kabajamoo Addunyaa kanaa keessaa isa guddaa dha. Waa’een du’aa ka’umsa Gooftaa keenyaa Afaan raajotaarraa kaasee hanga kakuu haaraatti kutaalee macaafa Qulqulluu bakkeewwan gara garaatti barraa’ee arganna. “Sanbata galgala naannoo Dilbatatti bari’u Maariyaamii Maqdalaa fi Maariyaam isheen lammaffaa(Maariyaam Bawufiiliyaa) awwaala Gooftaa keenyaa ilaaluuf dhufaan. Ergamaan Waaqayyoo samiirraa bu’eera waan ta’eef sochiin lafaa guddaanis ta’e, Ergamichi itti dhiyaatee afaan Awwaalichaarraa dhagaa galagalchee irra taa’e . …..Ergamichis dubartoota sanaan ‘Isin hin sodaatiinaa Kiristoos isa fannifame akka barbaaddan nan beekawo; Inni akkuma dubbatee ture du’a keessaa ka’eera. Garuu kottaatii bakka inni itti awwaalamee ture ilaalaa. Dafaa deemaatii ‘Du’oota keessaa adda ba’ee ka’eera, kunoo hanga isin Galiilaa geessanitti isin dursa; jedhaatii bartoota isaatti himaa; kunoo isinitti himeera. Mat.28:1-7” jedhame akkuma barraa’e. Gooftaan keenya dhagaa afaan boolla ittiin cufame utuu hin baniin akkuma cufamee jirutti du’a keessaa ka’e. Ergamichisa boolli qulaa ta’uusaa dubartootatti erga dhagaa cufamee ture bane booda agarsiisuun isaa kana nu hubachiisa. Kunis Waaqayyo Waaqummaa isaan Gadameessa cufamaa keessaa akkuma dhalate, aangoo mataa isaan dhagaan utuu hin banamiin du’a keessaa akka ka’e nu hubachisa. Qulqullichi Daawwit waa’ee Du’aa ka’uu Gooftaa kutaa dubbatee keessatti, “Waaqayyo akka hirriba keessaa dammaquuti ka’e, akka nama cimaa machiin Wayinii isa dhiiseetti,..Far.77:65” jechuun dubbatee ture. Gooftaan keenyas Haaluma kanaan kafana narraa hiikaa, boolla awwaalaa naaf banaa utuu hin jedhiin Aangoo mataa isaatin du’a mo’atee ka’e. Alaazaariif kan uffata hiikeef, kan boolla irraa bane nama biraa dha. Yoh 11:44Kananis du’a keessaa ka’uun Gooftaa keenyaa kan alaazaar irraa adda ta’uu isaa hubannee jirra. Sababnisaa Gooftaan kenyadu’a keessaa kan kaasu jiraanya kan kennu ka’umsaa fi jireenya(ትንሣኤና ሕይወት) ta’uusaa Maariyaam obboleettii alaazaaritti himee jira. Yoh.11:25 Gooftaan keenya guyyaa gaafa jimaataa lubbuun isaa Foon isaa irraa adda baatee gara si’ool deemuun warreen garbummaa seexanaan hidhamanii turaniif bilisummaa labse. 1Qor 3:19. Yeroo kana foon isaa Waaqummaa isaarraa adda utuu hin ba’iin gara hawwaalaa kan deeme yoo ta’u Lubbuu isaarraas Waaqummaan isaa adda utuu hin ba’iin gara si’ool deemee bilisummaa labse. Guyyaa sadii fi halkan sadii booda Foonii fi lubbuun isa walitti deebi’uun tokko ta’anii/waloomanii Kiristoos isa lammata hin dune, hin dhukkubsanne, hin beelofne, hin dadhabne ta’ee Ulfina Waaqummaa isaan du’a mo’atee ka’ee jiraa. Dhalti namaas humna Waaqayyootiin yeroo du’a keessaa ka’utti kan hinbeelofne, kan hin dadhabnne, gidiraan kan isa hin argine ta’ee ulfinaan akkuma Gooftaa keenyaattis du’a keessaa ka’a. Gooftaan keenya erga du’aa ka’ee booda bakkeewwan gara garaatti akkanni nyaata nyaate barraa’ee jira.Luq.24:43: Yoh21:12. Erga du’aa ka’ee booda Nyaanii fi dhugaatiin foonii kan isaaf barbaachisu ta’ee osoo hin taane ;Bartoonni Gooftaan keenya Du’aa ka’uu isaa yeroo arganitti amanuu dadhabanii tarii Ekeraa/Sojoo ta’ataa jechuun shakkanii waan turaniif, “kanin du’a keessaa ka’e Foon dhala namaa isan Haadha koo Maariyaamirraa fudhadhe isuman dura ittiin deddeebi’aa tereen dha” jechuuf waan namni nyaatu nyaate. Kanaafidha yoh.21:12 irratti bartootasaa keessaa ati eenyuudha jedhee kan isa gaafate hin jiru kan jedhameef. Asirratti kan hubachuun barbaachisu akkuma Um. 18:8 irratti Waaqayyo nyaata Abrihaam isaaf Qopheesse nyaate jedhu gooftaan keenya nyaata lafa kanaarraa nyaate jechuun Ibidda Waaqummaa isaan nyaata sana baqse jechuudha malee Waaqayyo nyaata lafaa kanaan jiraata jechuu miti. Sababnisaas Gooftaan keenya Foon isaatin mirga Waaqayyoo yeroo taa’utti nyaata biyya lafaa kana nyaatee jiraata osoo hin taane Galata Ergamoonni fi Qulqulloonni isaaf dhiyeessanitti gammadaa Waaqummaa isaatin kan beela’e quubsaa kan dadhabe jabeessaa hanga bara biratti Galateeffamaa jiraata. Kunis Gooftaan keenya Waaqa waan ta’eef Waaqayyo Waan hundumaa akka danda’u kan nu hubachiisudha. Du’aa ka’umsa Gooftaa keenyaa waliin wal qabatee dhimmi yeroo baay’ee hubachuuf nama rakkisu inni biraan ammoo Kiristoos halkan sadii fi guyyaa sadii erga Awwaala keessa bulee booda du’aa ka’e kan jedhuun wal qabatee guyyaan sadiifi halkan sadii akkamitti lakkaa’ama kan jedhudha. Gooftaan keenya guyyaa sadii booda du’a keessaa aakka ka’u bakka ibsetti “Ilma namaa hangafoota Lubootaa fi barreessitoota Fariisotaaf dabarsanii ni kennu, murtoo du’aas itti murteessu. … ni reebu, ni fannisus; guyyaa sadii booda du’a keessaa ni ka’a. Mat.20:18-19” jechuun duraan dursee dubbatee ture. Yoh 2:19, Mat.12:40, 1Qor.15:4 Erga akkas ta’ee jimaata sa’a kudha tokkotti awwaalamee dilbatatti kan bari’u ganama yoo ka’e guyyaan sadii eessaa dhufe kan jedhu gaffiin ka’uu danda’a. Kana deebisuuf dirqama seera kalaandarii/haala lakkoobsa guyyaa warra Ibrootaa beekuun barbaachisaadha. Akka lakkoobsa Ibrootaatti Guyyaan tokko kaninni lakka’amu guyyaa fuuldurasaa jiru galgala sa’a 12 irraa kaasee hanga guyyichaa galgala sa’a 12tti(halkan dursee lakkaa’ama.) fkn jimaanni kan seenu Kamisa galgala sa’aatii 12 irraa kaaseeti. Haaluma kanaan Gooftaan keenya kaninni awwaalame jimaata guyyaa sa’a 11tti dha. Kana jechuun jimaata keessaa sa’aatii tokko fudhateewaan jiruuf, jimaata kan ta’e Halkanii fi guyyaa isaaf ofitti harkisee akka guyyaa tookkoo fi halkan tokkootti lakkaa’ama. Sa.a 12 irraa kaasee hanga Qidaamee/sambata galgala sa’a 12tti halkan 1f guyyaa 1 ta’a. Qidaamee sa’aatii 12 kaasee handa wiixatni fudhatutti dilbatni ofitti waan harkisee lakkaa’amuuf halkan tokkoo fi guyyaa tokko ta’a. walumaa galatti guyyaa sadii fi halkan sadii ta’a. Egaa akkuma Qul. Phaawuloos jedhe “Kiristoos du’a keessaa adda ba’ee ka’eera jennee nama biraaf kan lallabnu yoo ta’e isin gidduutii warri du’an hin ka’an kanneen jedhan eessaa dhufan/akkamitti jiraatan? Du’oonni hin ka’an taanaan Kiristoos du’oota keessaa adda ba’ee hin kaane, Kiristoos hin kaane taanaan barnoonni keenya gatii hin qabu/Kantuu dha; Amantiin keessanis gatii hin qabu.” Warreen du’an hundumtuu guyyaa dhufaatii kiristoositti du’a keessaa ni ka’u. Amma garuu Kiristoos warreen mugan hundaaf hangafa ta’ee du’aa ka’eera.1 Qor 15:20 Nama jalqabaa Addaamiin duuti akkuma dhufe nama isa lammataa Kiristoosiin garuu Du’aa ka’umsi warra du’anii ta’eera. Hundumtuu Addaamiin akka du’e, hundinuummoo Kiristoosiin jiraattota ni ta’u. 1ffa tesel.4:16-18 irraattis “Ajajuma Gooftaa keenya mataa isaan, Sagalee/jecha hangafa Ergamootaanis, Waaqayyoonis Malakatni/Faaggaan samiirraa ni bu’awo, Warri kiristoositti amananii du’anis dursanii Du’a keessaa ka’u. Achii booda nuti jiraattota taanee kan hafnu, Gooftaa keenya simachuuf isa waliin duumessatti ol-butamna. Achii booda isa waliin bara baraan jiraannaa.” Yaa maatiiwwan Waaqayyo; warreen biyya lafaa kanarratti Amantii qulqullooftuun murtoofnee Waa’ee Kiristoosiif foon keenya miinee du’aa ka’umsa lammataa abdii gudhannu gammachuun keenya akkam guddoo akkasheen taate hubannee hojii gaariitiin Waaqa keenya gammachiisuuf yeroo hundumaa Qulqulloota waliin haa hiriirru.Foon keenya ishee Qulqulleettii Foon Waaqummaa Iyyesuus kiristoosirraa hirmaatte kana irratti cubbuun akka hin moone, Bittoota Addunyaa kanaa kan ta’an Diyaabiloosi fi ergamtoota isaa Amantii fi hojii gaarii gaachana godhannee yeroo hundumaa galgalaa fi ganama isaan haa waraannu. Tsooma hiikneerra jennee gara Addunyaatti hojii hamminaaf bobbaanee Qulqullummaa tsoomiin arganne sana of jalaa xureessuu dhiifnee guyyaa du’a keenyaa fi Guyyaa dhufaatii Kiristoos yaadachaa isa duraanii caalaatti Cimnee haa argamnu. Waaqni qulqillootaa, IlmiGiiftii keenya durbee Maariyaamii warra maqaa isatti amanan kan hin qaanessine Arjummaa isaatin kiyyoo diinni qindeessu hundumaa barbadeessee xumura keenya nuuf haa bareechu. Du’aa ka’umsa ulfinaatiin Qulqulloota faana isa simachuuf kan geenye nu haa taasisu. Araarsummaan Haadha keenya Maariyaamii, Eebbii fi Waadaan Qulqullootaa; eegumsi Ergamootaa nurraa hin fagaatiin. BAGA GEESSAN !!! GALATA WAAQAYYO! ወስብሐት ለእግዝአብሔር፣ ወለወላድቱ ድንግል፤ ወለመስቀሉ ክቡር፤ ለዘላለሙ አሜን! Dn Solomoon Siyyum/Dn Dhaabaa. Eebila,08,2009 E.C

Asella, Ethiopia
Комментарии