Niqoodimoos maaliif halkaniin deema? (Yoh.3:2)
- Dn. solomooniin
- Apr 3, 2017
- 6 min read
Please Share for others !!! Maqaa Abbaa, Kan Ilmaa, Kan Afuura Qulqulluu; Waaqa tokkotti barabaraan ni Amanna. Manni Kiristaanaa keenya torbeewwan tsooma guddichaa saddeettaniif maqaa kennite keessaa Niqoodimoos maqaa torbee isa 7ffaaf kennamedha. Niqoodimoos maqaa namaa yoo ta’u innis Barsiisaa Yihuudotaa fi qabeenyaanis ta’e beekkamtii dhaan Yi’uudota biratti fudhatama olaanaa kan qaban keessaa tokko dha. Qulqullichi Yaared torbeewwan saddeet keessaa maqaa niqoodimoosiin akka moggaasu kan isa taasise, Niqoodimoosirraa waantota baay’een kan baratamu waan ta’eefi. Egaa irraa baratama kan jedhamu gaarii qofa waan hojjeteef osoo hin taane wanta gaarii hin ta’iin namichi dalage yoo jiraatellee kan isarra ga’e akka nurra hin geenyeef dursinee namicharratti akka barannuuf dha. Macaafni Qulqulliinis kitaabolee Addunyaa kanaa irraa kan adda isa taasisu keessaa tokko seenaa gaariis ta’e yaraan akka irraa barannuuf keessatti barraa’ee waan argamuuf. Torbee kana keessa barnootaa waa’ee niqoodimoosiin wal qabatee darbu fuula kanarratti xumuruun ulfaataa waan ta’eef barnootaa karaa obboloota biroon isiniif darban akka dubbistan abdii godhachuun, ammaaf Niqoodimoos maaliif halkan deema kan jedhu sababeeffachuun hiikkaawwan Macaafa Qulqulluun wal qabatan barreessuufan yaala. Wangeela Yoh, 3:1 irraa kaasee, “Qomoo Yihuudotaa keessaa barsiisaa isaanii kan ta’e maqaan isaa Niqoodimoos kan jedhamu nama tokkotu ture. Innis halkaniin gara Gooftaa keenya Iyyesuus dhufuun akkas jedhe “Yaa barsiisa, ati barsiisuuf Waaqayyo biraa akka dhufte ni beekna; Nama Waaqayyo isa waliin ta’erraa kan hafe raajiiwwan ati raawwattu kana kan raawwatu hin jiru. Gooftaan keenya Iyyesuusis, dhugaa dhugaan siin jedha namni lammata hin dhalatiin mootummaa Waaqayoo arguu hin danda’u. Niqoodimoosis namni erga dulloomee booda akkamiin lammata dhalachuu danda’a? lammata dhalachuuf gadameessa haadha isaatti deebuu danda’aa? Jedhe. Gooftaan keenya Iyyesuusis deebisee, “dhugaa dhugaan siin jedha lammata bishaanii fi afuura qulqulluu irraa namni hin dhalanne gara mootummaa waaqayyootti galuu hin damda’u.’’ jedhe. Kan foonirraa dhalate Fooni kan afuurarraa dhalate afuurawoo. Kanaaf lammata dhalachuun isiniirra jira waanin jedheef sindhibiin(hin ajaa’ibsiifatiin)……jedha. Egaa barnoonni Gooftaa keenyaa sammuu Niqoodimoosii ol itti ta’ee hubachuuf waan rakkateef Gooftaan keenya hiikee itti hime. Abboonni keenyas Kanaafidha Macaafa Qulqulluu akka sammuu keenyaaf ta’utti nuuf hiikanii kan nuuf qopheessan. Niqoodimoos irraa wantoota gurguddoo sadii baranna. Niqoodimoos maaliif halkan deema kan jedhuufis isaan kun sadan deebii ta’u jechuu dha. Tokkoffaan, Niqoodimoos halkaniin kaninni deemuuf, galataa akkasumaanii (ከንቱ ዉዳሴ) barbaadeeti. Akkuma duratti ilaalle Niqoodimoos barsiisaa Yihuudootaati. Barsiisaa Yihuudotaa kan ta’an ammoo kitaabota Seeraa, Musee shananii fi kitaaba raajotaa, Akkasumas kitaabota seenaa haalaan nama baratedha. Niqoodimoosis nama kan hundumaa barate ta’ee osoo jiruu gooftaa biraa utuu baratuu yoo argame, namoonni “Edaan(ለካን) barsiisaa ta’ee utuu jiruu wanti isa hafu/waan hin beekne waan qabuuf barachuu dhufe” naan jedhu jedhee waan sodaateef dukkanaan da’atee deema. Kunis inni “ani beekaadha” ofiin jechuurraa kan maddee fi “akka wallaalaattin gadi deebi’ee baradhaa?” jechuutiin galataa akkasumaanii barbaadduu isaatin kana godhe. Baayyolii keenya oftuulummaan kun nuunillee nu qora. Yeroo baay’ee namni sadarkaa barnootaanis ta’e umuriitiin nuun gadi jiru jennee yaadnu tokko Yeroonni sagalee Waaqayyoo barsiisu akka waan namni sun barsiisaa jirutti gad deebi’een kanaarraan baradhaa jechuun waltajjii/Maaddii Waaqayyoo dhiinnee yeroo deemnu ni argamna. Nama sammuu isaatin bal’isee yaaduu fi nama beekaa ta’eef garuu sagalee Waaqayyoo kan barsiisu, Waaqayyo afuura qulqulluudha. Sababa kanaatiin baay’een keenya osoo koorsii haalaan hin baratiin kan hafne, Wangeela hin dhaggeeffatiin kan jiraanne, leenjiiwwan dandeettii namaa gabbisan utuu hin fudhatiin kan hafne lakkoobsaan hammana hin jedhamnu. Baay’een keenyammoo Yaa’iin Afuuraa(መንፈሳዊ ጉባኤ) yeroo qophaa’u lallabaan fi Faarfataan eenyu akka affeerame iyyaafannee saganticha hordofna. Kun manneen kiristaanaafillee bartee addaa ta’ee hawwii namootaa beekuun namoota harkisuuf jecha barsiisaan Ebeluu… ni dhufa jechuun yeroo beeksifamu ni argina. Kunis amalli keenya rakkisaa waan ta’eef Galata akkasumaanii nuti barbaannuun nu harkisuuf kan uumamedha malee lallabaa kamuu taanaan ergaa Waaqayyo isatti ibse nuuf dabarsa. Hundeen namoota barachuuf haala fooyya’aa barbaadanii akka mana cirracharra dhaabatee yeroo buubbee fi qulleensi itti dhufu jiguurraan kan hafe laga hin ceesisu. Egaa buubbee fi Qilleensi Shakkii fi Sodaa caalu Maaltu jira? Isaan kun warra cirracharratti ijaarman/beekumsa hin qabne kuffiisuuf hin xiqqaatan. Kanaaf wallaaloo taanee osoo jirruu akka beekaatti, ani koorsii kana baradheera waan ta’eef barachuun na hin barbaachisu jechuun of gowwomsuu dhiifnee gad-ofdeebifnee utuu barannee gaarii dha. Sababnisaas Kiristaanummaa keessatti ajajaa ta’uu caalaa ajajamaa ta’uutu eebba guddaa argamsiisa. Lammaffaan; Yeroo sanatti Yihuudonni “Namni barnoota Kiristoos osoo baratuu argame hundi Mikuraabii keessaa akka ari’atamu” ajaja dabarsanii waan turaniif yoon argame na hari’u jechuuni dha. Kana karaa lamaan ilaaluu dandeenya; =>tokko Niqoodimoos guutummaa guutuutti gara Kiristoositti of hin kutiin/hin deebi’iin waan jiruuf Yihuudota Sodaachuu isaa agarsiisa. Warri bakkanni oolu oolanii , bakkanni bulu bulan kudha lamman bartootaa/Lubboota garuu waa’ee Kiristoosiif Aarsaa barbaachisa hundumaa kaffluuf adda ba’anii filatamaniiru. Amantiin isaaniis laphee guutuudha. Wareegamtoonni Kumaatamaan lakkaa’aman waa’ee Kiristoosiif dhiiga isaanii kan lolaasan, Laphee isaanii guutuun waan isa hordafaniif dha.(Mat.10:32, Mat 10:38,Mul. 6:9) bara keenya kana keessallee rakkoon wareegamummaaf nama geessisu akka duraanii waan hin jirreef Waaqayyoon kan waaqessaa jirru afaanii fi walabummaan dha. Haa ta’u malee kan namaatti tolu garuu manni kairistaanaa Keenya Waa’ee Kiristoosiif Aarsaa kan of godha yoomillee akka isheen hin dhabne obboloonni keenya kiristaanonni biyya Liibiyaatti Morma isaanii dabarsanii seefif, mataa isaanii Rasaasaaf taasisan nuuf mirkaneessanii jiru. Kun garuu hayyama Waaqayyoon yoo ta’e malee nuti sodaanneef hin hafu, nuti barbaanneefis immoo nuuf ta’uu hin danda’u. garuu yoomillee taanaan Kan fannoo kiristoos baanne hundi keenya Dhuga-baatuu isaa ta’uu keenya beeknee jaalalaan gidiraa dhufu hundumaa fudhachuuf of qopheessuu qabna. =>Inni lammaffaan ammoo hanga guyyaan hayyama Waaqayyoo ga’utti namoota hamoo irraa of eeggachuu fi seera nuun oliif abboomamuu agarsiisa. Gooftaan keenya kutaalee Wangeelaa keessatti yeroo Yihuudonni isa qabachuuf, ajjeesuuf yaalanitt dhiisee biraa deemaa akka ture bakka baay’eetti arganna Mat:12:15. Dhiisee biraa deemuun isaa Gooftaan keenya du’a sodaatee jalaa baqate osoo hin taane hanga guyyaan isaa ga’utti wareegamummaa hin barbaachifnerraa baqachuun akka malu nu barsiisuuf dha. Sababnisaa gaafa guyyaa kamisaa ofumaan “Iyyesuus Kiristoos inni isin barbaaddan ana” jedhee dabarsee loltoota Yihuudotaaf of kenne. Niqoodimoosis yeroof Yihuudota dhokatee yoo baratellee booda garuu guyyaa Fannoo yeroo lubbuun Gooftaa foon isaarra adda baa’etti, fuulaa fuulatti Yihuudota bira deemuun Foon Gooftaa keenyaa kadhachuun akka Kafanan /Gaannazan ni arganna Yoh 19:39. Niqoodimoos Qulqullummaa hanga kana Qaama Waaqaa akka tuquuf isa dandeessisullee kankennisiiseef jaalala inni Gooftaa keenyarraa qabu dha. Kanaaf nutillee abboommii fi seera namoota nuun ol jiraniimormuun hanga guyyaa hayyama Waaqayyoo ta’utti wareegamummaa hin barbaachifnee fudhachuun nurra hin jiru. FKNf Yuunversiitota tokko tokko keessatti yeroo baay’ee barattoonni naxalaa/balee uffatani gara mooraa akka hin seenne ni dhorkamu. Baleee uffachuun mallattoo dhugaba’umsa kiristaanummaa yoo ta’eyyuu, seerri Yuunversiitichaa ni dhorka taanaan dirqama uffachuun qaba jennee seera isaanii morminee Aarsaa hin barbaachifne kaffaluun nurraa hin eegamu. Seera biyyattiifillee akkasuma. Hayyama Waaqayyoo ta’eera ta’e abboonni tokko tokko agarsiiftuu amantaa isaanii ofirraa hin fageessinu jechuun barumsa dhiisuu dabalatee tarkaanfii mataa isaanii kan fudhatan/of adaban yoo jiraataniyyuu(Fkn Luba Abbaa Malkaamuu, Bulchaa Q/Giyoorgisii Galiilaa W/bahaa; uffata Lubummaa koo ofirraa hin baasuu jechuun Kutaa 9ffaa keessa kan barumsa addaan kutan), lafumaa kaanee aakka kana gochuun qaba yoo jenne qorumsatti of galchuun Waaqayyoonillee gaddisiisuu dandeenya. Sababnisaa tarkaanfiiwwan akka kanaa hayyama Waaqayyoo kan barbaadan waan ta’eef dha. Gooftaan keenyas Mat.10:16 irratti “Namoota hamoo irraa of eeggadhaa…” kan jedhe kanaafi dha. sadaffaa; lapheen guyyaa bittinnaa’aa dha, lapheen Halkanii tasgabbaa’aa waan ta’eef barumsa Gooftaa haalaan hubachuuf jecha halkaniin deemee barachaa ture. Akkuma olitti ilaalle Niqoodimoos yihuudota waan barsiisuuf ykn waan hoogganuuf (መልአኮሙ ለ አይሁድ) hojiisaa kanaafis waan yaaduuf laphee tokkoon ta’ee barnootaa Gooftaa keenyaa Guyyaa guyyaa hordofuu hin dandeenyu, kanaaf halkan deemee barachaa ture. Sababnisaas namni hundumtuu hojii isaarraa boqatee laphee guutuutiin kan yaadu halkan dha waan ta’eef. Abboonni keenya yeroo baay’ee kadhannaa dheeraaf kanisaan dhaabbatan sa’aatii Halkanii dha. Sa’a ja’aa dursa ykn ja’arraa kaasaniiii halkan guutuu kan kadhachaa bulan heedduu dha. Kanaaf nutillee Wangeela dubbisuu fi lallaboota afuuraa sa’aatii Halkanii/galgalaa fi ganamaa utuu taasifannee gaarii dha. Walumaa galatti Niqoodimoos irraa kan barannu inni guddaan barumsaaf bakka kennuu kan jedhu yoo ta’u barumsa barachuuf haldureewwan kamuu sababeeffachuu hin qabnu. Carraa arganne hundumaatti fayyadamnee waan haaraa jireenya Afuuraa keenya keessatti barbaachusaa ta’e haa qabannu. Keessumaa bara keenya kana keessa gaaffiiwwan waan baay’ataniif kan gaafatamne hundumaa jaalalaa fi amala gaariin akka namaaf deebifnuuf barachuun, beekumsa ga’aa irratti bu’uura keenya dhaabbachuun dirqamadha. Egaa Baay’ina beekumsaa fi Ogummaan osoo hin taane qulqullummaa laphee fi hojii gaarii keenyaan jereenya kan nuuf kennu Waaqni keenya kan wallaalle nuuf ibsee kan beeknu laphee keenya keessa nuuf bulchee Mootummaa Abbaasaa keessatti akka dhuga baatota isaatti nu kabajuun jaalalaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf haa ta’u. Yeroo hundumaa araarsummaashee abdii kan godhannu Haadha Ifaa Giiftii keenya Durbee Maariyaamii jaalallashee laphee keenyarratti miyaa ishee arraba keenyarraatti nuuf nuuf haa baay’isu. Araarsummaa qulqullootaa fi eegumsa Ergamootaa nu waliin haa taasisu. AMEEN. GALATA WAAQAYYO! ወስብሐት ለእግዝአብሔር፣ ወለወላድቱ ድንግል፤ ወለመስቀሉ ክቡር፤ ለዘለዓለሙ አሜን! Dn Solomoon Siyyum/Dn. Dhaabaa Bito.22, 2009 A.L.H Asallaa, Itiyoophiyaa

Comments