HOSAA’INAA
- Dn. Solomon S.
- Apr 9, 2017
- 6 min read
Waaqayyo maaliif Harreerra taa’ee gara Iyyerusaalem deeme? Harree haadhoorra moo Ilmoorra/bukuriirra taa’e/yaabbate? Dn Solomoon siyyumiin Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, Kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkotti Barabaraan Amanna, Ameen! Torbeen saddeettaffaa tsooma guddichaa ammoo HOSAA’INAA jedhamuun beekama. Akkuma torbeewwan biro yaadannoo fi barnoota mataasaa danda’e kan gaafas barsiifamu qaba. Torbee kana torbeewwan sadeettan keessaa kan adda isa godhu; torbeewwan warri duraanii guyyaawwan torbee sanaa hundumaaf moggaasa ta’uudhaan hanga maqaan biraa bakka bu’utti kan ittiin waamaman yoo ta’u hosaa’inaan garuu dilbata torbee saddeettaffaa hanga sa’a 6tti qofa kan kabajamudha. Sababnisaas dilbata sa’a ja’arraa kaasee hanga gaafa jimaataatti guyyaa 5f walakkaan torbee himaamaatii jedhamuun beekama. Torbeen kunis waggoota 5500 bara kakuu moofaa keessa Ijoolleen addaam gidiraan dabarsan fi gidiraawwan kakuu moofaa fi fayyisummaan gooftaa keenyaa yeroo kamiyyuu caalaa kan keessatti yaadatamu dhu. Gaafa hosaayinaa hanga sa’a ja’aatti sirnoota gara garaan, kabaroon faarfachuu dabalatee haala ho’aan kabajamee oola. Waa’ee hosaayinaa barnoota dabalataa karaa obboloota biro akka argattan abdachuun kutaa kana keessatti Gooftaan keenya maaliif harreerra taa’e, Haadhamoo bukurii/Bukkullaa isheerra taa’e kan jedhurraatti yaada barreessitoota Wangeelaa afranii haala wal simsiisuun gabaabsee dhiyeessuufin yaala. Gara hiikkaa fi ibsa bal’aatti seenuu keenyaan dura seenicha Macaafa qulqulluurraa haa ilaallu. Mat.21:1-9 kaasee akkas jedha “Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara Iyyeruusaalemmitti dhiyaatee, gara Debrezeyit gara Beetefaagee yeroo ga’etti bartootasaa keessaa lama erge. Akkasis jedhe “gara ganda isin fuuldura jirtu deemaa; yeroo sana harree bukkullaashee waliin hidhamtee jirtu agartu; hiikaatii naa fidaa. Maal gootu? kan siniin jedhu yoo jiraate ‘Gooftaa isaaniitu barbaada’ jedhaa yeroo sana isin gad-lakkisuu……..bartoonnis akka Gooftaan keenya isaan ajaje godhan. Harree sana Bukkullaa ishee waliin hiikanii fidan, uffatasaaniis irra naqan/hafan, Gooftaan keenya Iyyesuusis isaanirra taa’e. namoonni baay’eenis uffata isaanii karaarra hafan/diiiriirsan, kaan immoo baala mukarraa cabsanii karaarra hafu turan. Namoonni duraa fi duuba isaa deemanis Hosaa’inaa Aariyaam irratti jechaa sagalee ol kaasanii faarfachaa turan.” Hosaa’inaa jechuun amma fayyisi(Far.117(118):25…kitaaba Hiikkaa jechoota macaafa Qulqulluu jedhu maxxansa 10ffaa) jechuu yoo ta’u akka galumsa hima kana keessaatti garuu galata jechuu dha. Yaada armaan olii kana ilaalchisee gaaffiiwwan gurguddoo sadii kaasneen deebisuuf yaala. =>1ffaa Gooftaan/Waaqayyo maaliif Harreerra taa’e? kan jedhu yoo ta’u kanafis sababoota gurguddoo sadii ilaaluu dandeenya. -Tokkoffaan Raajiiwwan dubbataman raawwachuuf. Raajiiwwan kunniinis tokko, Mat.21:5 rratti akkuma ibsame “Intala Tsiyooniin; ‘Kunoo Mootiin kee inni garraamiin Harrittii fi Bukkullaa/Ilmoo isheerra taa’ee garakee ni dhufa isheen jedhaa” kan jedhu Raajicha Zakkaariyaasiin dubbatamee ture(Zak.9:9). Innis kun akka raawwatame mirkaneessuuf. Intala Tsiyoon kan jedhaman Israa’eloota dha. Lama, akkasumas raajiin “Harrittii jirma wayiniitti ni hidha, Ilmoo harrittiimmoo damee wayinichaatti ni hidha, Uffatasaa cuunfaa wayiniin, golgaa/(magonathefiya) isaa dhiiga wayiniin ni miica, Uma.49:11 ” jedhu Qulqullicha Yaa’iqoobiin ilmasaa Yihuudaaf dubbatamee waan tureef; Yihuudaan Gooftaa keenyan waan fakkeeffamuuf kunis raawwatamuusaa agarsiisuuf dha. -Lammaffaan:Tihiitinnaa/Gad-of buusuu nu barsiisuuf: akkuma beekamu bakka Fardii fi Gaangoon jirtutti harreen fe’isaaf yoo ta’erraan kan hafe yaabbannaaf ammasumattii warra kanarra filatamtuu miti. Gooftaan Keenya guyyaa Foon Ilmaan namaan aliin tookko ta’ee, uffatee addunyaa kanarratti argamee kaasee gochaawwan inni raawwachaa fi barsiisaa ture hundi gad of debisuu kan barsiisani dha. Foon namaa uffachuu, Dallaa horii keessatti dhalachuu, bakkee tulluurra akka rakkataatti buluu, Hark Yohaannisitii cuuphamuu…kkf Tihiitinnaan/gad-of buusuun isaa hagam akka ta’e agarsiisa. Zakkaariyaasis kanaafi dha “Mootiin kee Qulqulluu fi fayyisaa dha, Gad of deebisee Harreerra taa’ee gara keen i dhufa kan jedhe Yih.9:9. Amma gad of deebisuun isaaf barbaachisaa ta’ee osoo hin taane nuun kiristaanotaan gad of deebisaa, kennaa hunda caalu argattuu jechuu isaati. (Mat.23:20, Mat.5:3) yeroo tokko tokko Baay’een keenya nama kabajuu caalaa utuu namni nu kabajee gammadna. Waaqni Waaqotaa Gooftaan keenya Harreerra taa’ee yoo gara Iyyerusaalem dhufeyyu, nutimmoo sadarkaa keenya fayyadamnee namaa ol-taa’uu, teesuma filatamaa barbaaduu, Abboota nuu oliin qixxaachuu, maqaa kabajaan waamamuuf fi kkf galata akkasumaanii baay’ee barbaanna. Yeroon akkas jedhu nama waan gaarii hojjeteef kabajni akka malu mormuu koo miti. Rom.13:7, 1xim 5:17 Garuu ofii keenya kabaja utuu hin barbaadiin namni akka nu kabajuuf cimnee waan nu kabajchiisu raawwachuu qabna. Kanaa fidha, Gooftaan keenya gad-of buusee Harreerra taa’ee gara Iyyerusalem yeroo dhaqetti, daa’immanillee utuu hin hafiin namoonni baay’een uffata isaanii lafa hafanii kan isa simataniif. -Sadaffaan: Waaqa nageenyaa ta’uusaa ibsuuf:- yeroo duriitti Abboonni Raajonni yeroo lolli hammatu keessatti Eeboo qabatanii/butatanii Fardarra taa’anii, uffata gurraachaa uffatanii gara Uummataatti ba’u. uummannis bara lolaa akkanni ta’u baruun dafanii subaa’ee galu. Yoo bara nageenyaa ta’emmoo Harreerra taa’anii Ciraa(Eegee fardaarraa kan tolu) qabatanii, uffata adii uummatatti mul’atu. Yeroo kana uummanni Raajotarratti ilaalee barana geenyaa akka ta’e hubatu. Gooftaan keenyas Nageenya siniif fideera ammaa booda nageenyi isiniif ta’eera jechuun Harreerra taa’ee gara Iyyerusaalem dhaqe. Karaa biraan ammo namni harreerra taa’e, baqatee/dheessee jalaa hin ba’u hari’ee hin qaqqabu. Kiristoosis Waaqa jaalalaa waan ta’eef nama isa barbaadu jalaa hin baqatu, nama isa hin baraanne, nama lapheesaa hin banneef immoo hari’ee humnaan hin qabu. Kanaaf Waaqayyo dirqisiisee na amansiisa, dirqisiisee gaabbii akkan galu nataasisa jedhanii laphee ofii duuchuun gonkumaa gowwummaa dha. =>2ffaa Harree ishee Haadhoo moo Ilmoo/Bukkullaa isheerra taa’e?; moo lammaan isaaniirra taa’ee? Maatewoosirraa kan hafe barreessitoonni wangeelaa sadan Bukkullaa harree namni kamuu irra hin taa’iinirra akkanni taa’e yoo dubbatan; Matewoosi fi Raajichi yihuudaan garuu lamaan isaaniirra akkanni taa’etti barreessu? Erga akkas ta’ee yaadni isaanii kun wal-lola jechuudhaaree? Kan deebisuu keenyaan dura fakkeenyummaa harree haa ilaallu. *Jalqabarratti harreen kun fakkeenya Addaam fi Hewaan dha. Akkuma hareen kun hidhamtee turtee, ajaja Gooftaatiin gad-lakkifamte, Addaamii fi Hewaanis garbummaa Diyaabiloos jalaa Gooftaa keenyaan bilisa ba’uu isaaniif fakkeenya dha. *Itti aansuun ammo harreen Haadhoon fakkeenya Seera Musee(Oriitii) yoo taatu, Ilmoon ishee ammoo fakkeenya seera wangeelaati. Harreen isheen haadhoon leenjifamtuu(amma dura kan fe’amte) akkuma taate Seerri Oriitiis hunda biratti durumaan kan baratamte ta’uu ishee yoo agasiisu, Ilmoon ishee ammo Seera Wangeelaa isheen haaraa fi nama kamuu biratti hin baratamiin Gooftaa keenyaan akka nuuf kennamtu agarsiisa. *Sadaffaarratti Harreen haadhoon fakkeenya Israa’elootaa yoo taatu, Ilmoon ishee ammo fakkeenya Ayizaabotaa(qomoo Israa’elootaa kan hin ta’iin) tti fakkeeffamu. Israa’eloonni Saboota Waaqayyoo ta’uun kan beekaman yoo ta’u Ayizaabonni garuu Waaqeffannaa Waaqayyoof haaraa ta’uu isaaniis agarsiisa. Erga kana ilaallee barreessitoonni Wangeelaa afran maaliif yaada lama barreessan kan jedhu haa ilaallu. Maatewoos, Gooftaan keenya harree lamaan isaaniirrayyuu akka taa’e kan dubbate(mat.21:2) barsiisaa Ayizaabotaa fi Israa’elootaa waan ta’eef dha jedhu Abboonni man Kiristaanaa keenya. Akkuma beekamu Qulqullichi Maatewoos lallaba wangeelaa yeroo lallabetti Ibroota(Israa’elootaa) fi Ahizaabotaaf(saboota Israa’el kan hin ta’iiniif Biyya keenya Itiyoophiyaa dabalatee) akkanni lallabe, barreessaa seenaa mana Amantaa jar. 4ffa kan ta’e Awusaabiyoos ibsee jira(Awus 3:6). Akkamiin lamaan isaaniirra taa’uu danda’e kan jedhuuf Abboonni yeroo ibsanitti; Ogummaatiin lamaan isaaniitti faayyadame. “Iyyerusaalemii kaasee hanga mana Qulqullummaatti boqonnaa 16 dha. Boqonnaa 14 miillaan deemee, boqonnaa 2 hanga mana Qulqullummaa ga’utti harree ishee haadhoorra taa’e. Erga achi ga’ee bukurii/Ilmoo harreerra taa’ee si’a sadii mana Qulqullummaa naanna’e, kanaaf Harree lamaanittuu fayyadameera jechuun isaa sirrii dha” jedhu Abboonni. Lammanittuu fayyadamuun isaa lamaan isaaniiyyu uumama Waaqayyo Uume ta’uu isaanii ibsuuf yoo ta’u, Gooftaan keenya Ayizaabotaa fi Israa’eloota tokko taasisuusaa agarsiisa. Karaa biraan ammo Maarqos, Roomaafi naannoo iheetti(Ayizaabotatti) lallabe. Luqaas fi Yohaannis dacheee biyya Giriik(Meqedooniyaatti), Roomaa fi naannoo isaaniif (Ayizaabotaaf) Wangeela lallaban. Ilmoo Harreerra taa’e(Mar.11:2) (Yoh 12:14) (Luq 19:30) jechuun isaaniis Ilmoon harree Kiristaanota haaraatti (Ayizaabotatti) waan fakkeeffamteef, ofii isaaniis barsiisa Ayizaabotaa waan ta’aniif “ilmoo harreerra taa’e yoo jenneyyuu ga’aa dha, dhimmi guddaan Harreera taa’ee gara Israa’el deemuu isaa ibsuu dha;” waan ta’eef jedhaniiti. Walumaa gala Gooftaan keenya haaluma Raajonniifi Qulqullichi Maatewoos duubbatan Harree lamaanirrayyuu taa’ee kan deeme yoo ta’u yaadni lammanuu wal keessa waan jiruuf kan wal dhiitu/mormu osoo hin ta’iin yaaduma wal deggeru dha. =>3ffaa: Namoonni fi Ijoollonni maaliif baala meexxii/zanbaabaa qabatanii ba’anii simatan? Namoonni fi Ijoollonni kan harma hodhanillee dabalatee dame baala meexxii qabachuun “Hosaa’inaa Ilma daawwitiif, Maqaa Waaqayyoon kan dhufu eebbifamaa dha.” Jechaa faarfatan. Qulqullichi Daawwit waa’ee kanaa dursee raajiitiin “Afaan ijoollota harma hodhanii fi daa’immanii keessaa galata ofiif qopheessite” jechuun dubbatee ture Far.8:2. Bakka biroottis akkasuma “Adaraa maaloo amma fayyisi(Hosaa’inaa), Adaraa maaloo amma qajeelchi. Maqaa Waaqayyoon kan dhufu Eebbifamaa dha. Far.117:25-26” jechuun dubbatee ture. Kanaaf yeroo baay’ee Yihuudonni Hosaayinaa Abbaa keenya Daawwit jedhanii waamu. Damee baala meexxii qabachuun isaanii, duraan Abrahaam meexxii qabatee bakka aarsaa itti dhiyeessutti si’a toorba naanna’aa ture(Kuf.13:21, Sinksar Bito.22). kanarraas meexxiin yeroo gammachuu kan ittiin ibsan ta’uusaa hubanna. Mul.7:9 irrattis “kanaa boodas Namoota baayee eenyumtuu isaan lakkaa’uu kan hin dandeenyen arge, ….. Uffata adii uffatanii Damee meexxii harkatti qabatanii sagalee ol-ka’aasuun “Teessicharra isa taa’e Waaqa keenyaa fi Hoolichaaf fayyisuun ni ta’aaf/malafa jedhu” jechuun Meexxiin qulqullootaan qabatamee galanni kan ittiin dhiyaatu muka galataa ta’uusaa agarsiisa. Israa’eloonni yeroo gibtsii ba’anitti ayyaana bilisummaasaanii kan ittiin kabajen meexxiin mallattoo bilisummaati.Lew.23:40. Akkasuma meexxiin injifannoo ibsuuf garaara 2Mot.9:1, Yod.15:213. Walumaa galatti jireenya tokkoo tokkoo keenyaa keessa Waaqayyo guyyaa guyyaan ni dhufa, baanee kan isa simannu taanaan, gabbiitiin kan isa gammachiifnu taanaan gara laphee keenyaa seenee nuuf qulqulleessa. Cubbuu keenyas humna Waaqummaa isaatiin barbadeessa. Lafa kanarratti yoo isa simanne guyyaa dhufaatii isaatti Qulqulloota waliin gammachuutiin isa simachuuf geenya. Yihuudonni mana Qulqullummaa keessatti hojii hin barbaachifne hojjechuun xureessan, Nuti garuu Mana Qulqullummaa kan taate foon keenya Cubbuutiin xureessuu hin qabnu. Yoo xureessineerra ta’ellee “Yaa Ilma daawwit, Cubbuu koo irraa na Qulqulleessi jechuu qabna.” Yihuudonni gaafa dilbataa Kiristoos Mootii keenya jedhanii yoo simatanillee gaafa jimaataa Fannisi jedhanii Philaaxoosiin kadhatan. Har’a amananii boor Kiristoosiin Fannisuurraa Waaqayyo nu haa eegu, xummura keenyallee nuuf haa bareechu. Waaqni qulqullootaa Gooftaan keenya galata bara baraa ishee samiirraaf Qulqullootaa fi Wareegamtoota hundumaa waliin dhaabachuuf nu haa geessisu. Jaala Giiftii keenya Maariyaamii Laphee keenyarratti, miyaashee arraba keenyatti nuuf haa baay’isu. Akkuma kana waggaa har’aan nagaan nuhaa ga’u, naga geessan ! Bito. GALATA WAAQAYYO! ወስብሐት ለእግዝአብሔር፣ ወለወላድቱ ድንግል፤ ወለመስቀሉ ክቡር፤ ለዘለዓለሙ አሜን!

Comments