top of page

Dabre Zeyit/Tulluu Ejersaa ykn Dibataa

  • Dn. Solomon S.
  • Mar 16, 2017
  • 7 min read

Dabre Zeyit/Tulluu Ejersaa ykn Dibataa By Dn Solomon Seyoum Isin hin darbiin!!! high light.....“Lolaa fi oduu lolaa dhaga’uuf jirtu. Kun ta’uun dirqama waan ta’eef hin na’iinaa, ammayyuu xumurrisaa si’ichitti/ganaa dha........Waliima walii isaanii dabarsanii akka amantiisaa/shee jijjiirtuuf wal hun kennineeree? Ani kanin yaadadhu tokko, akkayaan koo fi obbolaan haadha kootiif/adaadonni koo pheenxee dha. Yeroo tokko.......Kan nama ajaa’ibu, barsiisaan tokko yeroo sana dhukkubsatee waan tureef.......Egaa maal jechuu dandeenyaree? Dubbiin nama fayyadduwoo baayyolii biratti gatii dhabuudhaan salphatte. .......dubbisa gaarii! Dabre zeyit jechuun hiiknisaa tulluu dibata/zayitaa yoo ta’u maqaa kanas kan argate muka ejersa jedhamu kan baay’inaaan tulluu sanarratti argamu irraati. Tulluu dubbiin nama naasisu irratti dhaga’ame, dubbiin nama yaaddessu, sodaachisoo, waan hundumaa dhiiftee amantiin akka jabaattu kan sitaasisu, Amantiin Qulqulleettii gara fayyinaatti nama geessitu kam akka taate qorannee isheerratti akka jabaannu dubbiin nama taasisu kan irratti dubbatame Dabre Zayit/ Tulluu ejersaa. Tulluun lafa ol-ka’aa bakka itti baqatanii badisa jalaa oolani dha. Manni Kiristaanaa keenyallee itti baqannee hololaa fi shakkii shakkitootaan/መናፍቃን du’aa fi badisa dhufu jalaa bakka itti oolludha. Tulluu ejersaa/Dabre zayti kanarratti muka ejersa jedhamu kan dibanni qulqullaa’aa fayyina foonii fi lubbuu namaaf fayyadu irraa hojjetamu argamudha. Mana kiristaanaa keenya keessattis Kiristoos inni fayyina foonii fi Lubbuu bara baraan namaa kennu ni argama. Inni/Kiristoos mushuraa/Misirroo manni Kiristaanaa keenya dhufaatii isaa simachuuf ibsaa ibsitee(Amantii qabatee) zayita guuttattee(Hojii gaarii qabatee) isa eegdu dha. Dhufaatiin isaa inni lammaffaanis tulluu kanarratti ifa ba’e. abboonni keenya bartoonnis dhufaatiin isaa akkamiin akka ta’e, mallattoon yerichaas maal akka ta’e baranii nuuf dabarsuuf yeroo jedhanitti ‘gamoo mana Qulqullummaa itti agarsiisan’. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis deebisee “kana hundumaa ni agartuu? Dhugaan isiniin jedha dhagaan dhagaa irratti osoo hin jigiin hin afu”Mat.24:2 jedhe. Gamoon mana Qulqullummaa isin bareedina isaa ilaaltanii dinqisiifattan kun ni jijjiga. Gamoo Sillaasee kan ta’e foon dhgala namaa inni miidhagaan kunillee hin diigamiin hin afu, kanaafuu hin ajaa’ibsiifatiinaa’ jechuusaa ti. Kun dhugumattuu dubbii garaa nama Raasu waan ta’eef bartoonni guyyaasaa baruu barbaadan. “Nutti himi kun yoom ta’a? mallattoon dhufaatii kee fi kan dhuma Addunyaa kanaa maali?”Mat24:3 jedhan. Gooftaan keenya Iyyesuus “kan isin dogoggorsuu akka him jiraanne of eeggadhaa” jedhe. Garuu namni baay’een of eeggachuu hin dhiifnee?, namni baay’een hin dogoggorree? Amantii jijjiiruun illee dogoggora isa dhumaa bara jireenya ofii keessatti raawwatani dha; baay’een keenya cubbuun nu hin dogoggorsinee?, dargaggummaan keenya nu hin dogoggorsinee?, Faashiniin Addunyaa nu hin dogoggorsinee?, fedhiin foon keenyaa nu hin dogoggorsinee?, jaalalli horii nu hin dogoggorsinee?, ammam keenyaatu dogoggora kanaarraa of eeggate?, obboleessa isaas eege? Warreen amantii jijjiiran silaa hojiin isaanii kun hamaa akkanni ta’e du’aafis dabarsanii akka of/wal kennan fuul dura Waaqayyoottis jibbamoo akka ta’an itti himna. Garuu waan hundumaa Keessatti arjummaan Waaqayyoo baay’ee akka ta’ee fi Gaabbiin Qulqullummaa tti akka nama deebistu laphee keenya guutuu ni amanna. Waa’ee warra nama dogoggorsuu garuu Gooftaan keenya iyyesuu Kiristoos akkas jedhe. “Baayyoliin ani Kirtistoosi jedhanii maqaa kootiin ni dhufuu tii, baay’oliis ni dogoggorsuu”. Eeyyee ani fayyisaadha jedhee sobaan kan dhufu maaliif nama hin dogoggorsuu? Ani jireenyan kenna jedhee Maqaa Gooftaan kan dhufu karaa jiraanyaarraa akkamiin nama hin kaafnee? Isaanoo warra Waaqayyoof filatamanillee hanga dogoggorsanitti human seexana uffatanii raajiiwwan ajaa’ibsiisoo hojjetu Mat.24:24. Waa’ee mallattoo dhufaatii isaa yeroo dubbatetti Gooftaan keenya iyyesuu Kiristoos akkas jedhe “Lolaa fi oduu lolaa dhaga’uuf jirtu. Kun ta’uun dirqama waan ta’eef hin na’iinaa, ammayyuu xumurrisaa si’ichitti/ganaa dha. Sabni saba irratti, Mootummaan mootummaa irratti ni ka’u, biyya birrayyatti beellii fi gidiraan, sochiin lafaas ni ta’a. isaan kun ka’umsa fiixee ciniinsuuti. Yeroo sana dabarsanii du’aaf isin kennu, isin ajjeesus, Maqaa koof jechas nama hundaa birattis kan jibbamtan taatu”Mat 24:7-9. Dhugumatti Manni amantaa keenya dhiiga qulqullootaatiin jabaattee dhaabatte; du’asaaniitiin amantiin isaanii qulqulleettiin nuuf dabarte. Warri yeroo har'aa kana miidiyaanis ta’e waltajjiiwwan isaanii adda addaa irratti maqaa Qulqullootaa arrabsan Qulqulloonni maal balleessinaani? Sababuma maqaa kiristoos laallabnanii, isaafis amanamaniif namoota baay’ee biratti jibbaman. Ammas kun akka ta’uuf dirqama waan ta;eef hin na’iinaa. Dhiigni kiristaanota baay’ees kanumaaf bakkeewwan gara garaatti akka bishaanii dhangala’a. nuuf garuu kun jajjabina nuuf ta’ee jennaan duuka bu’oonni baay’eenis horaman. “Yeroo sana baay’oliin Amantii isaanii ni jijjiiru, walii walii isaaniis dabarsanii wal kennu, walii walii isaaniis wal jibbu. Raajonni sobduu baay’een ni dhufu; baay’oliis ni dogoggorsuu Mat24:10-11”. Namni bay’een amantiisaa hin jijjiirreerree? Waliima walii isaanii dabarsanii akka amantiisaa/shee jijjiirtuuf wal hun kennineeree? Ani kanin yaadadhu tokko, akkayaan koo fi obbolaan haadha kootiif/adaadonni koo pheenxee dha. Yeroo tokko konfiraansiin wayii magaalaa keenyatti qophaa’e. raajaan isaan affeeran tokkos haadhakoof mul’atuma fakkeessee hawwii garaashee warri ollaa itti himnaan dubbateefii akka isheen amantiishee jijjiirtus waamee ture. Haati koo akkas yoo naaf ta’es bakkuma ani jirutti naaf haa ta’u, yoo dhuguma naf raawwates Waaquma koo isan duraan waaqessutu naaf godhe malee har’a waanin pheenxee ta’eef naaf raawwatama miti jettee waan isaan mormiteef, akka jaarsummaatti haadhakoo akka ababbalaniif kan isaan ergan keessaa akkayaan koo fi adaadaan koo isaan tokko dha. Namtichi raajaan isaanii sun eeruu hawaasuma keessaa funaannachuun namoota baay’een ni duuta, kaaniin ni badda jedhee raajee ture. Kan nama ajaa’ibu, barsiisaan tokko yeroo sana dhukkubsatee waan tureef yoo pheenxee hin ta’u ta’e torbee har’aa reeffisaa manaa ba’a jedhee ture. Garuu barsiisichis protestaantii hin taane, gaafa torbees reeffisaa manaa hin bane. Waaqnisaas Amantiimasaa keessatti isa fayyise. Booda keessa waliima isaaniiyyuu raajicha amanuu dadhabanii kun Raajii sobduu dha jedhanii akka isa ari’an odeeffannoon naga’ee ture. Maarree dhuguma kun Ortodooksii keessa jiraaree? Kan nama dhibu isaan yeroo dhufan hamaa fakkatanii miti kan dhufan. Nama Qulqulluu fakkaataniif Macaafa Qulqulluu qabatanii(goga hoolaa uffatanii) akkasaan dhufan Gooftaan keenya akkas jechuun dubbateera “Gogaa hoolaa uffatanii gara keessan kan dhufan Raajota sobduurraa of eeggadhaa; keessisaanii garuu yeeyyota, buttoota dha Mat 7:15-”. Yeroo kana jennu namni tokko tokko lapheesaa duuchee isaaniif mormuudhaan arrabsaa jirtu kan jedhu jiraachuu danda’a. yaa obboleessa ko hin gowwomiin dhugaa jiru dubbachuurraan kan hafe eenyuunuu hin arrabsinu, shakkitootaaf ati Abbaa mitii gad lakkisii kottuu lubbuu kee fayyifadhu, warreen amantaa isaanii jijjiiran keessatti hin lakka’amiin.

Qilqullichi Phaawuloos waa’ee isaanii akkas jedheera..... “Afuurri; bara boodaatti baay’oliin amantii isaanii akka ganan(/kaadan/dhiisan) seexanoota nama dogoggorsanii fi barnootaa seexanootaa akka hordofan, ifatti dubbata. Isaan of tuulummaatiin soba kan dubbatan; yaada mataa isaaniitiin kan gubatanidha 1faa Xim 4:1-2.” Jechuun jechi biraan utuu itti hin dabalamiin haala nama ajaa’ibsiisuun isaan ibseera. Ammas taanaan “Qabsoon/duulli keenya Foonii fi dhiiga(dhala namaa) waliin osoo hin taane, Bittoota/aanga’oota dukkanaan fi seexanoota hamtoota waliin Efe 6:12”. Keessumaa bara keenya kana keessa macaafa akka barbaaddetti hiikkachuu dandeessa jechuun of tuulummaatiin soba kan lallabantu baay’ata. Kanaaf warri sirriirra jirra jettanii dogoggora keessa jiraattan dhaabattanii yaaduu qabdu. Hololaa fi soba isaanii qofaan oofamuurra dhugaan isa kami jedhanii gaafachuun barbaachisaa dha. Ittuma fufee Gooftaan keenya Iyyesuu Kiristoos “namni hanga dhumaatti dhaabbate ni fayya. Nama hundaa irratti ragaa akka ta’uuf Wangeelli mootummaa kun Addunyaa hundumaa irratti ni lallabama, yeroo sana dhumtisaa ni ga’a Mat24:12-13”. Egaa hundee biraa kaa’uun hin danda’amu kanuma duraan Kiristoos itti Waaqeffamu, amantii ishee jalqabaa keessatti hanga dhumaatti dhaabbachuun barbaachisaadha. Kanaan ala fayyuunis hin danda’amu. Mallatooleen hundu raawwachaa jiru. Kanaan dura Kiristoos dadhabinaan Foon namaa uffatee, nama ta’ee dhufe. Amma garuu Ulfina Waaqummaa isaan Ergamootaa Qulqulloota kumaatamaan marfamee dhufa Henok 1:9, Yih 1:14. Waa’ee dhufaatii isaa Qulqullichi Daawwit Afuura Qulqulluun argee akkana jedhee dubbate, “Waaqayyo Ifatti ni dhufa, Waaqni keenya hin callisu, Ibiddis fuuldurasaatii boba’a” Far 49:3. Murtoosaa ishee cubbamoota naasiftu sanaanis Ibidda jedhe. Waa’ee Gooftaan keenya murtoof dhufuu kana warri musliimotaa yeroo dubbatan, “Quraana keenyaraa ‘yeroo Isaan murtoof dhufu hundumti keessan utuu fooniin hin jirtan ta’ee isiniif gaarii dha jedhaa’ jedhu”. Faarsaa Daawwit kanas fudhachuu fi kabajuu akka qaban Quraanumti isaanii ni ajaja. Haa ta’u malee Isa Daawwit Gooftaa keenya Iyyesuusiin Waaqayyo jedhee waamu, isaanitti garuu Waaqayyo jechuun itti ulfaata. Waa maraafuu dhufaatiin Gooftaa keenyaa warra isa ganeef baay’ee sodaachiftuu akka taate Macaafni akkas jedha. “Kunoo duumessa samii keessaan ni dhufa, iji hundumtuu isa agarti; isaan warri isa waraananis ni ilaalu; Ormoonni(አሕዛብ) hunduu waa’ee isaaf ni boo’u. kan turee fi kan jiru kan dhufe fi inni dhufu, Waaqni hundumaa bitu ‘Alfaa fi Oomeegaan’ ana jedha”Mul.1:7. Faallaa kanaatiin warri waan gaarii hojjetanii amantii Qulqulleettiitiin hanga dhumaatti dhaabbatan dhufaatii isaa ni hawwu. Akkasis jechuun isa waamu “inni kana dhugaa ba’u ‘Eeyyee dafeen dhufa jedha; Ameen Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos dafii kottu”Mul22:20 jedhu. Sababnisaas Kiristoos yeroo dhufu murtoo lama dabarsuuf dhufa. Inni tokkoffaa fi gammachiisaan “Yeroo sana mootichi warra Mirgasaa dhaabatuun ‘isin yaa Eebbifamtoota Abbaa koo, Addunyaan kun utuu hin uumamiin kan isiniif qophaa’e akka dhaaltaniif kottaa! Beela’ee na nyaachiftaniittu, dheebodhee na obaaftaniittu, keessummaa ta’eennaan na simattaniittu; daarraan natti uwwistaniittu, dhukkubsannaan na daawwattaniittu, hidhamnaan garakoo dhuftanii na gaafattaniittuwoo. Mat 25:34-39”. Kunis Qulqulloota gammachiifti. Inni lammaffaa fi inni sodaachisaan cubbamoota irratti kan darbu yoo ta’u innis “Warra gara bitaa dhaabataniinis, isin warra abaaramoo nan adabbii seexanootaa fi ergamoota isaaf kan qopha'e bakka ibidda barabaattii deemaa"Mat 25:40 jedha. guyyaa dhufaatii Kiristoositti gaabbii galuun hin jiru. humdumti cubbamootaa waa'ée cubbuu isaaniif guyyaa dhaloota isaanii abaaru. booyichii fi imimmaan gatii hin qabnes gaafa sana ni ta'a. Warri maqaa Waaqayyoo hin bariin, warri Qulqullootasaa hin kabajiinis guyyaa sana gaddi guddaan isaanitti dhaga'ama. Maariyaamiin mirga Ilmashee dhaabattee warreen ijoollee ishee ta'aniif ni kadhatti/dhaabatti. kanas jecha Qulqullicha Daawwit isa "Mootittiin uffata warqee uffattee mirga kee ni dhaabatti far.44:9" jedhuurraa mirkaneeffanne. kana malees Qulqulloonnii fi ergamoonnillee jaalalleewwan isaaniif jireenya bara baraa kennisiisuuf ni dhaabatuuf. kanallee jecha Q. Daani'eel "guyyaa dhumaa sanatti wa'ee ijoollee saba keetiif dhaabachuuf Mikaaél ni kaá, ....tokkoon tokkoon saba keetiis ni fayyu. Dan.12:1'' jedhurraa akka ergamoonni ijoollee kiristaanotaaf dhaabatan ni hubanna. kan malees Gabri'éeliin "kanin fuul dura Waaqayyoo dhaabadhu ani Gabri'eeliin jedhama'''jechuun dhuga ba'umsa Daani'eel irra deebiin Mirkaneesseerra.Mat1:19. Waa'ee Qulqullootaafis Yohaannis mula'atasaa keessatti '' Waa'ee dhuga ba'umsa sagalee waaqayyoof namoota Qalaman sagalee isaanii iddoo Aarsaa gadittin arge. isaani sagalee ol kaasanii 'yaa Gooftaa dhugaa fi Qulqulluu, hanga yoomiitti hin murteessituu? dhiigna keenyaafis namoota biyya lafaarra jiran irratti hanga yoomiitti haloo nuuf hin baatu(Gumaa nuuf hin baaftu)' jedhan? Mul 6:9-10'' Egaa Qulqulloonni warra dhiiga isaanii dhangalaase irratti kadhatanii murteessuu kan danda'an erga ta'ee Warreen maqaa isaaniitiin waan gaarii hojjetaniif immoo jireenya barabaraa kadhachuu hin danda'an akkamiin jettuuree? Gooftaan keenya Iyyesuusis ''maqaa bartuu kootiin namni bishaan qabbanaa'aa namaaf kenne gatii bartuu/duuka bu'aa sanaa fudhata mat.10:41'' kan jedhe Maqaa bartootaa fi duuka bu'oota isaatiin akka jireenya argannu barbaadeeti. Waaqayyo Qulqulloota isaaf aangoo murteessuullee akkanni kenneef hin beektaniiree? '' Ilmi Namaa teessoo ulfinaarra taa'ée yeroo dhufutti isinimmoo jilba Israa'el 12n irratti murteessuu barcuma 12rra teessu''Mat 19:28. Namni nama jaallatu irratti murteessu gara jabeessi eessaa dhuferee. Qulqulloonniwoo warreen chaappaan araarsummaa isaanii irratti argamu hundaaf Mootummaa Waaqayyoo kennisiisuwoo. Egaa maal jechuu dandeenyaree? Dubbiin nama fayyadduwoo baayyolii biratti gatii dhabuudhaan salphatte. Warri maqaa Qulqullootaa irratti jecha hamaa dubbachuun irratti baaccan guyyaa Kiristoos Qulqulloota isaa kumaatama waliin dhufu lafa maaliitu afaan banee isin liqimsa, da'oon keessanis eessuma ta'a. Isin garuu warri Waaqayyo ija amantaa isiniif bane, ijoolleen Kiristaanotaa hundi yaada shakkii laphee keessan keessaa balleessuun jaalala Qulqullootaa isa duraarra itti caalchifachaa bulaa. Waaqayyo gatii keenya nuuf laachuuf jecha afaan isaatii baatetti hin gaabbuwo.... Nuuf haaturu.....Mootummaasaa ishee dhuma hin Qabne nu haa dhaalchisu AMEEN!!!

GALATA WAAQAYYO! ወስብሐት ለእግዝአብሔር፣ ወለወላድቱ ድንግል፤ ወለመስቀሉ ክቡር፤ ለዘላለሙ አሜን!

Comments


bottom of page