Matsaaguu fi Fayyina Dhukkubsattootaa
- Dn. Solomon S.
- Mar 13, 2017
- 3 min read
Namni hunduu osoo hin dubbisin bira darbuun kan hin qabne. Matsaagu- fi Fayyina dhukkubsattootaa Torbee 4ffaa tsooma Guddichaa. Kutaa 2ffaa By D/n Solomoon Siyyum Bakkeewwan gara garaatti tsaballi maqaa qulqullootaan burqee namoota baay’ees HIV dabalatee kaansarii fi dhukkuboota sodaachisoo Addunyaa kanaarraa akka fayyan doctaroonnillee dhugaa kan ba’anidha. Kunis Far,88:3 irratti warren jaalladhe waliinan waadaa koo raawwadhe akkuma jedhu Waaqayyo Qulqulloota/jaandaraboota isaa wajjiin waadaa gale bu’uura godhachuun kennaa Waaqayyo, maqaa qulqullootaan nuuf kennedha. Kan fayyisu garuu Waaqayyo akka ta’e manni Amantaa keenya hin kaaddu/hin mormitu. Akkasumas Mac.Isa56:5-7 irratti Waaqayyo Ququllootasaaf, ijoollee dhiiraaf dubaraa caalaatti bakka maqaa isaan dhoofsisu manasaa keessaa akka isaaniif kennu waadaa galeera. Namoota baay’eetti kan amanuun waan itti ulfaatuuf sagalee Waaqayyoo isa amanamaayyuu ni mormu. Nuti garuu Waaqa hundaa danda’uuf kun waan guddaa akka hin taane ni beekna. Warra jaallate hanga jilba kumaatti eebbisuu fi waadaa kennuu fi akka danda’ullee ni amanna. “Dubbiin Ogeessaa ijoollee Ogeessaa biratti fudhatama argate” akkuma jedhu dubbiin kun kiristaanota biratti fudhatama argatee, ittiinis fayyaa jirra. Warreen lapheen isaanii duudeefis Waaqayyo lapheesaanii akka banuuf jaalalasaa nuuf haa ta’u. Imnetii/amanannoo(እምነት):- Amanannoon mana Amantaa keenya keessaa biyyoo Gooftaan keenya hancufa Waaqummaa isaan bukeessee ija Bertemiwoositti dibeedha Yoh.9:6. Ni’iimaan sooriyaarraa/Damaasqoo ka’ee gara iyyeruusaalem tsabala yoordaanos cuuphamuuf yeroo dhufetti biyyoo gaangolii lamaan fe’atee gara biyyasaatti deebi’e 1mot.5:17. Kunis amanannoo inni lafa qulqulleetti Iyyeruusaalem irraa fudhatee gara biyya isatti galedha. Manni Kiristaanaa keenya fakkeenya Iyyerusaalem Ishee dhugaati. Fayyinnis yeroo hundumaa isheerraa nuuf argama. Kanaafidha naannoo isheetti yeroo hiiqnu kufnee lafa fi girgiddaa isaallee kan nuti dhungannu/salaamfannu 1mot.9:3 . Manni qulqullummaa Waaqayyo keenyaa mana Waaqeffannaa fi bakka kadhannaa waan jedhamtuuf kabajni isheef taasifamullee addaadha Mat.21:13. Waaqayyos warreen maqaa isaatin bakkee dhaabbannaa miilasaaf sagadaniif karaalee fayyinaa baay’iseef namoonni biyyoo manasaa keessaa qaama isaanii dibuun dhibeerraa fayyaa jiru, hanga dhufaatii Gooftaattis Haaluma kanaan itti fufa. Qandiilii/Dibata Qulqulluu: qandiiliin iciitiiwwan 7n mana Amantaa keenyaa keessaa tokko yoo ta’u maqaa kanas kan argate ibsaa Abboonni yeroo nama dhukkubsatee dibata qulqullaa’aa dibuuf jecha ibsan irraati. Hundeeffamnisaas Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin yoo ta’u, innis Qulqulloota bartootasaaf dibata dibuudhaan dhukkubsattoota akka fayyisanii fi seexana akka baasaniif aangoo kenneenidha. Mar.6:7-13 ‘’bartoota 12n ofitti waamee, lama lama taasisee erge. Afuurota xuraa’oo irrattis aangoo kenneef.…..seexanoota baay’ees ni baasan, dhukkubsattoota heedduus dibata dibuudhaan fayyisan’’. Manni Kiristaanaa keenyas kana bu’uura godhachuun Luboonni qofti kadhannaa Qandiilaa taasisuun dibata Qulqulluu dibanii dhukkubsattoota akka fayyisaniif ajajji. Namoonni baayyeenis dhibe isaaniirraa ittiin fayyaniiru. Yaa’iqoobis ‘’Isin gidduutii namni dhukkubsate yoo jiraate, Luboota mana Kiristaanaa waammatee jennaan haa kadhataniif. Dibata maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin irratti kadhatames haa diban; kadhannaan Amantiis dhukkubsaticha ni fayyisa, Waaqayyos isa kaachisa; cubbuullee taanaan hojjeteera yoo ta’e ni dhiifamaaf’’ jechuun kan dhugaa ba’eef Waaqayyo karaa dibata Qulqullaa’atiinis hojiisaa akka hojjetu waan amanuuf dha. Qandiilaaf Fakkeenya kan ta’e dibanni dhukkubsattoota dibamu bara kakuu Moofaa keessallee akka ture Macaafni Qulqulluun dhugaa ba’a(lew.13:1, ser lak.12:1-16, ba’u 40:4). Haa ta’u malee kan kakuu moofaa sun akka yeroo ammaa Fayyina Foonii fi Lubbuu gonka (ፍዑም) ta’e kennuu hin danda’u ture. Kun kanaan utuu jiruu garuu baay’een keenya dadhabina laphee keenyaarraa kan ka’e yeroo dhukkubni tokko nu qabu kadhannaallee utuu hin godhatiin gara Qoricha addunyaatti fiigna. Qorichoota kanallee taanaan kan hojjetaman biqilootaa fi uumamuma Waaqayyo uumerraa waan qophaa’aniif itti fayyadamuun rakkoo hin qabu. Mana yaalaatti fayyadamuunis cubbuu hin qabu. Garuu yoo xiqaate waan hojjennu kamifuu hayyama Waaqayyoo gaafachuun waan hundaa dursuu qaba. Fallaa kanaatiin immoo namoonni yoon du’es mana Waaqayyo jalatti du’uu naaf wayya jechuun akka dubartittii waggaa 12 dhiignishee dhangala’e amantaa Waaqayyoon gammachiisu qabaachuun HIV irraallee kan fayyaa jiran hammana hin jedhaman. Lapheen warra akkasii kun akkam eebbifamaa dha?!!! Waaqayyos warra akkasii kanaan ‘’amantiin keessan guddaadha akka Fedha keessanii isiniif haa ta’u’’ jedha. Fannoo fi meeshaalee Qulqullaa’oo mana Kiristaanaa fi kkf: far.59:4 ‘’Warra si sodaataniif xiyya/eeboo jalaa akka miliqaniif, jaalalleewwan kees akka fayyaniif mallattoo kenniteef’’ akkuma jedhu. Fannoo gooftaa keenyaan eebbifamanii baayyoliin dhukkuba isaanii irraa ni fayyu. Halkanii fi guyyaa fuuldurasaanii goree akka isaan eeguuf kiristaanonni Fannoo mormasaaniitti hidhatu Fkn.6:22. Suura Qulqullootaa fi kitaabolee Qulqullaa’oo dabalatee meeshaalee Qulqullaa’oo mana amantaa keenyaa hundinuu mallatoolee Waaqayyo fayyinaaf nuuf kenne dha. Baayyoliin Fayyina foonii barbaacha karaa Amantiirraa ba’uun Waaqayyoon taanee kennaasaatti dhiyaannee haa fudhannu ..(ንቅረብ በጥበበ እግዝአብሔር ንንሳዕ ዘተውሁበ ለነ Ëጋ). Waaqayyo arjaa fi Fayyisaa akkamii aaka ta’es dhandhamnee haa barru. Kanaaf hundumaa isaanii iyyuu amantii laphee keenya guutuun taanee itti fayyadamuun Fayyina irraa akka argannuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. GALATA WAAQAYYO!


ወስብሐት ለእግዝአብሔር፣ ወለወላድቱ ድንግል፤ ወለመስቀሉ ክቡር፤ ለዘላለሙ አሜን!
Comments