top of page

Matsaagu fi Fayyina Dhukkubsattootaa

  • Dn. Solomon S.
  • Mar 13, 2017
  • 4 min read

Namni hundumtuu dubbisee obboleewwan isaaf share gochuu kan qabu……. dhukkubsataan karaalee akkamiin fayyuu danda’a?; maqaa Kiristoosiin fayyifna kan jedhu Hunduu sirrii dha? Nuti eenyurraa of eeggachuu qabna? tsaballi maali? Maaliif maqaa Qulqullootaan moggaa fama? Imnetiin/amanannoon macaaf Qulqulluurra jiraa? Qandiilli dhukkuba foonii fi Cubbuurraa fayyisuu danda’a? Fannoon ni fayyisaa? Suurri Qulqullootaa hoo?......kkfniif deebii barbaadduu? Eyyee akkas taanaan obsaan hanga dhumaatti akka dubbistan maqaa Waaqayyoon isin Gaafadh! Maqaa Abbaa, Kan Ilmaa, Kan Afuura Qulqulloo Amee! Matsaagu- fi Fayyina dhukkubsattootaa Torbee 4ffaa tsooma Guddichaa. by D.n Solomon Siyum/Dn Dhaba Matsaaguu jechuun Goophoo ykn nama ol jedhee deemuu hin dandeenyu jechuudha. Jechi kun bakkeewwan tokko tokkottillee Quuroo jedhamuun beekamu. Wangeela yohaannis boq.5:1 irraa kaasee seenaa nama waggaa 38 guutuu sireerra ciisee dhukkubsachaa ture tokkoo arganna. Manni kiristaanaa keenya moggaasa Qulqullu Yaared torbeewwan Tsooma guddichaaf kenne bu’uura godhachuun torbee 4ffaa Matsaagu’ jechuun namicha kanaa fi dhukkubsattoota hundumaa yaadachuun ni kadhatti, ni fayyifti, akkasumallee sagalee Waaqayoon namoota baayyina gidiraarraan kan ka’e abdii kutan ni jajjabeessiti. Nutis kanuma sababeeffachuun mana Amantaa keenya keessatti dhukkubsattoonni akkamiin fayyu, kan jedhuu dabalatee tsabala, imnetii(amanannoo) fi karaaleen raajiin Waaqayyoo itti mul’atan adda addaa barbaachisummaa isaanii fi Macaafa qulqulluutiin hagam deggeramu kan jedhu ilaalla. Kutaa Wangeelaa olitti caqafne kana keessatti ‘’ jecha Ibrootaan Beetesayidaa kan jedhamtu hidha shan(5)kan qabu bakki itti Cuuphaman tokko akka ture arganna. Dhukkubsattoonni baay’eenis bakka sana ciisanii yeroo Ergamaan Waaqayyoo bishaanicha Raasu eeggatu. Namni dursee seenee cuuphames ni fayya ture. Bakka sana erga dhukkubsatee waggaa 38 kan guute namni tokko ciisee ture. Gooftaan fi Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos kana waan beekuuf namichaan ‘Fayyuu ni barbaaddaa?’ jedhe. Innis ‘Eeyyee Gooftaa ko nama keessa na buusu waanin hin qabneef yeroo bishaanichi raafamu namni biraa na dursee seena’ jedhe. Gooftaanis ‘siree kee baadhuu ka’I jedhe. Namichis yerosuma fayyee sireesaa baatee deeme’’……jedha. Seenaansaa dheeraa waan ta’eef dubbisuu dandeessi. Gooftaan keenya waan hundumaa kan beekuu fi kan danda’u namicha kanaaf Fayyina amma kanaa yoo godheyyuu namtichi kun garuu eenyu akka isa fayyise akka hin hubatiin hafe, achumaa gadi hiiqnee lak 12 irraa arganna. Waaqayyo karaalee gara garaan fayyisuu kan danda’u yoo ta’eyyuu namoonni baayyeen eenyu akka isaan fayyise hubachuu dhiisuu danda’u. Waaqayyoonis hin galateeffatiin hafuu danda’u; Inni garuu tolli amalumasaa kan ta’e, galannisaas libsuu ijaaf addaan hin citu. Mee karaalee Waaqayyo ittiin fayyisu keessaa muraasa akka armaan gaditti haa ilaallu. Sagalee isaan/Maqaa Waaqayyo. Mat.8:8 irratti Ajajichi dhibaa Gooftaa keenyaan ‘‘Geefoo(ጣራ) mana koo jala seenuun hin malu, sagalee kee qofaan ajaji Mucaan koo nin fayyaa’’ akkuma jedhe sagaleen Waaqayyoo qofti fayyisuuf aangoo qaba. Namoonni baayyeenis barnootaa fi sagalee Gooftaa keenyaa dhaga’anii fayyaa akka turan Macaafa Qulqulluu irraa arganna. Gooftaan keenya aangoo kana abboota keenyaaf waan kenneef bartootarraa kaasee hanga ammaatti abboonni keenya sagalee Waaqayyoo dubbachuun dhukkubsattoota foonii fi lubbuu fayyisaa turan, jiru, hanga dhufaatii Gooftaa keenyaattis ni fayyisu. Sagalee Waaqayyoo kanaan fayyisuu kan danda’u nama hunda osoo hin taane warra Waaqayyo adda baasee aangoo kanaaf filate qofadha. Q/lichi Phaawuloos ‘’Waaqayyo filatamtootasaa hojii gaarii hundumaan akka isaan gargaaru ni beekna. Ilmisaa obboloota baay’ee gidduutti angafa akka ta’uuf; dursee warra beekee fi filate isaan Ilmasaa akka fakkaataniif isaan qopheesse’’ jechuun Rom 8:28- 29irratti ibseera. Fayyina foonii kanaan wal qabatee seexanni namoota heeduu keessa goree warreen filataman dogoggorsuu akka danda’u Mat 24:24 irratti ‘’ Kiristoosonni sobaa fi Raajonni sobduun ni ka’u; utuu isaaniif danda’amee warra filatamaniyyuu dogoggorsuuf raajiiwwan gurguddaa fi hojiiwwan ajaa’ibsiisoo ni hojjetu’’ jechuun Gooftaamti keenya Iyyesuus Kiristoos dubbateera. Yeroo ammaas kun dhaabbilee Amantaa gara garaa keessatti firii Amantaa gaarii tokko utuu hin qabaatiin maqaa yesuusiin isin fayyifna jechuun namoota baayyee amantii keessaa baasaa akka jiran argaa kan jirru dha. Namni ija qabu haa hubatu, Waaqayyo hamaa nutti hin fidiin malee; foon keenyaan akka Iyyoobitti gidiraa cimaa fudhannee lubbuu keenya ibidda si’ooliirraa oolfachuu wayya. Kiristoos guyyaa dhufaatii isatti foon haaraan ifa nu uffachiisee du’a keessaa nu kaasa waan ta’eef. Tsabala/bishaan eebbifamaa: Waaqayyo wanti Hunduu kansaa kan ta’e namoonni isaa karaa tsabalas akka fayyaniif kenneera. Kutaama Wangeelaa duratti kaasne yoh.5 keessatti Ergamaan Waaqayyoo bishaanicha raafnaan namoonni dhukkubasatan akka fayyan ni arganna. Ergamichi Maaliif bu’a yoo jedhame Aarsaa ol baasuu fi bishaanicha eebbiuuf. Maaliif raafama yoo jehame ergamichi bu’uusaa ibsuf 1(አንድም) tsabalichi bishaan biraarraa adda akka ta’e mul’isuuf 1(አንድም) Yihuudonni fyyinni bara Abboota keenyaa taasifamaa ture hafeera akka hin jenneef. Maaliif al-tokkicha raafama yoo jedhame; bara kakuu moofaa keessa fayyinni gonkaa akka hin taasifamiin ibsuuf. Haaluma wal fakkaatuun yoh.9:6 irratti Gooftaan keenya namicha jaamaa ta’ee dhalateen ‘’hancufasaan biyyoo bukeessee ijasaa dibee dhaqii bakka cuuphaa Salihoomitti dhiqqu jedhe, innis dhiqatee ilaalaa dhufe. Maaliif dhaqiii jedhe yoo jedhan, 1(አንድም), Gooftaan keenya kan ergu ta’uusaa ibsuuf, 1(አንድም), yoo harkifamaa dhaqee ilaalaa gale raajiinsaa aja’ibsiisaadha akka jedhamuuf, 1(አንድም), um.1:2 irratti ‘’afuurri Waaqayyoos bishaanirra diriiree ture’’ akkuma jedhu ammas Afuurri Waaqayyoo bishaanotarra bulee fayyisuu akka danda’u ibsuf dha. Beete sayidaatti jechasaan dubbatee akka fayyisuu danda’u yoo barsiisu, Salihoomittimmoo tsabalaan fayyisuunis Aangoo fi hojiima isaa akka ta’e ibsuf dha. Ser.Lak. 19:20 ‘’ Namni yoo xuraa’e, qaamasaas yoo hin qulqulleessine, namni sun mana Qulqullummaa Waaqayyoo Xureesseera waan ta’eef waldaa keessaa adda ba’ee ni badu, bishaan qulqulleessuun hin facaafamne(cuuphaamne) waan ta’eef xuraa’aa dha’’ jechuun Tsaballi akka qulqulleessuuf seerri tumame nu agarsiisa. Kan qofa miti, mac. Moot.5 keessattis Ni’iimaan lamxii irraa galaana yoordaanos keessatti cuuphamuudhaan akka fayyee seenaan barraa’ee jiru amanamaa fi kan hin dhokannedha. Tsabalaan cuuphamuun Fayyina foonii qofaaf osoo hin taane namni tokko gaabbii galee bishaan qulqullaa’aa kanaan yoo cuuphame/facaafame dhiifama cubbuu fi Fayyina lubbuullee ni argata. Yohaannis cuuphaan namoota gaabbii galuuf garasaa deeman hunda cuuphaa gaabbii cuuphuun fayyinaaf isaan qopheessaa ture. Maat.3:11,Mar.3:4… Karaa biraatiinimmoo tsaballi maqaa Qulqullootaan mogaafamuu isaan wal qabatee maaliif ta’e? kan jedhu gaffiin ka’uu danda’a…… Kutaa 2ffaan na eegaa

 
 
 

Comments


bottom of page