Imimman Gaabbi kutaa 2ffaa
- Dn. Solomon S.
- Mar 5, 2017
- 3 min read
Imimmaan Gaabbii…..kutaa 2faa """please #share for others"" Yaa Abbootii koo, warren Qulqullootaa Seenaa keessan kaasuu, barumsa naaf laataa Sin ceephessuunillee, eenyuuf danda’amaa Garuummoo nan kaasa, seenaa keessanirraa barumsi argama ********************************************* Qulqullicha Daawwit, sirraa eegaluuree Nama kufee ka’e, akka kee hin agarree Kan Waaq dhugaa ba’eef, ifatti dubbatee Kan akka laphee koo, jedhee si filate ******************************************** Amma ati dhuguma dadhabdee kuftemoo, nuuf barumsa ta’uuf Moo,abdii bara baraa, seenaa hin dabarre dhalootaaf ol-kaa’uuf? Mee nutti himikaa, haala ittiin kufuu kee Gaabbii addaa galtee, haala ittiin ka’uu kee ******************************************* Naattaan maal sit-hime,kan butee si kaasu.... 2ffaa sam 121-14 Moo maal si-waraane , utuu adda hin kutiin akka si-boossisu Egaa gaabbiin keewoo, cubbuu kee hundumaa Waaqa dagachiiftee Nuufis nutti-himi kaa, iccii hamma kana dhiifama itti agratte ******************************************** Yaa Qulqullichaa nana; jecha Naattaan tokkoon, lapheen keewoo cabde Nuufis yeroo har’aa Naattaati barbaachisaa? Moo, maaf lapheen nu gogdee? Dubbii Wangeelaawoo, fincaan dhagaattii goonee Moo, kan danfa hin dhageenye, budaa baaqelaa taanee? ************************************************** Qulqulluu Peexiroos, itti si’aansuuree Kan Gooftaasaa ganee, deebee fira ta’e akkakee hin agarre……Mat 26:69-75 Yakkite jedheellee, maqaa si-hin xureessuu Barumsa akka ta’uuf, mee seenaa kee keessaa,hanga tokko kaasuu ****************************************************** Yeroo Yihuudonni sidhiphisan sana, Gooftaakee kan gante Iji kee hamma baqutti wanta si boossisu, booda maal agartee Eeyyee, atillee hubatteetta, jaalalasaa dhugaa Warra utuu beeknuu dhoqqee keessa teenyuun, maaluma jettagaa ***************************************************** Ilaallee hin hubannu, himamnee hin dhageenyuu Qoricha nama adoochu, kan nu dhibe eenyuu? Duunee osoo jirruu, waan jirru fakkaanna Cubbuu hunda dhiifnee, gaabbii akka galluuf akkamiin hubannaa **************************************************** Maariyaa Intefrat, obboleettii maartaa Maaltu si-kakaase?, deemtee akka dhungattuuf ati miilla Gooftaa Shittoo qarshii miyaa, miillasaaat lolastee Shurrubbaa kee sanaan, haxooftee Qoorsite ***************************************** ******* Maaloo maal-naaf wayya, goga laphee kootiif Ijikoos haa boossu; lapheen koos haa-cabduu, mee ergaa dabarsiif Shittoon yoo jiraates; qarshii yoon qabaadhes, kennuutu na-dhibaa Beekanii of-gogsuu, hojii yaraa kana, akkamiinan jibba **************************************************** Gaafa Gooftaan dhufe,deebii maalii laatta? Lubbuu ko maal yaadde? Gaabbii galuu dhiiftee, hojii foonii waliin addunyaarra bade Dhufaatiiyyuu hin jedhu, utuu har’a duutee mee maaluma jettaa? Cubbuun gurraachoftee, Waaqa Ifaa dura dukkanaan dhaabattaa? ***************************************************** Maaliif yaaduu dhiifte ibiddicha Si’ool, isa lafee gubu Boolla seexanootaa kan gaaraa hin laafne, bakka adaba cubbuu Gaannamis ni jiraam kan si’ooliin caalu, gubaan bara baraa Kana hundaa hin-wayyu, kottu nii jiraannaa na dhaga’i adaraa **************************************************** Kottukaa ni deemnaa; bakka ifni jiru, moorummaa Waaqayyoo Mana bara baraa, ishee keessa taa’uuf haa godhannuu kaayyoo Qe’ee dammaaf aannanii, wal-geeettii galataa Jireenyi gammachuuf, faaruun yeroo hundaa isheerraa mul’ata *************************************************** Kottukaa ni-deemnaa; Mootummaa Maaqayyoo, bakka Maarem jirtu Mootiin warqee uffattee araara namootaaf, Mirgasaa dhaabattu….(Far.44:9, Mu’ 12:1-) Lafarrattis waamnee, Qulqulloota waliin deemnee ishee faarfannaa…(far 47:12) Haadha Waaqa Uumaa, durbee Qulqulleettiin haadha keenya jennaaa…(Far.86:1-6 ******************************************************************* Kattaakaa ni deemnaa; Mootummaa Waaqayyoo, bakkattii lalistuu Taabotittiin Zadoor bultoon Waaqa keenyaa, bakka calaqqistuu Bakka Qulqulloonni itti wal-waamanii, Waaqayyoon faarfatan Qooqa Ergamootaa, lafee lalisiisuun kan galateeffatan ************************************************** Kottaakaa ni deemnaa; Mootummaa Waaqayyoo, bakkee cidha Mootii Yeroon ishee yaadu, barrisi naan jedha hawwiin laphee kootii Waamicha kabajaa nyaannee akka dhugnuuf, hunduu hin waamamnee? Hin dhibaa’iinaa kaa, qoqophoofnee deemnaa waraqaa waamichaa harkatti qabannee *************************************************************** Kottaa kaa ni-deemnaa; Mootummaa Waaqayyoo, uffata adii uffannee Dhiiga oolichaatiin, ifnee qulqulloofnee Hunduu gaabbii gallee, uffaata miiccannaa Fooniif Dhiiga Gooftaan, sirriitti qulloofnaa ************************************************************* Zayiita boba’uuf, ifaa qabadhaakaa Amantiif hojii gaarii, haalaan raawwadhaakaa Isaan kun galaadha, nyaata bakkee bultoo Kan deebii laannudha, guyyaa gaafa murtoo ******************************************* Waa’ee sirbaaf machii, akka biraa hafnu Abboommii Waaqayyoo, akkaa fiixaan baafnu Mootummaan Waaqayyoo, egaa dhiyaatteetti Nutti mul’achuudhaaf, qarreerra geesseetti ****************************************** Hunduu ijoolleen Addaam, yaa obboloota ko Mootimmaa Isaa dhaaluuf, hawwaa kaa akka koo Yeroof dogoggoraan, kan amantii gantan Dhugaa qorattanii amantii ishee duraat maaliif hin deebitan...erm 6:16, yihu 1:3, efes 4:5 ********************************************** Addaam abbaan keenya, tokkicha akka ta’e Daandii ittiin fayyinaas, takkuma nuuf kaa’e Falaasama namaaf, Amantii yeroon fide Maaf duukaa dhamaatu; Gadi-dhiisaa kottaa maaf lapheen sin-duude? ******************************************************* Lafarra wal-jaallannee, guyyaa murtoo sana maaliif gargar baana Kottaa laphee tokkoon, Waaqayyo Uumaa keenya waliin Waaqeffannaa Gaarii kan fakkaatu; kan faayidaa hin qabne hawwiin biyya lafaa Narraa adda hin ba’iin; kottu obboleessa ko, kottu oobboleettii ko situ natty hafaa **************************************************************** Garaa tokkoo baanee ,akka ilmoo bineensaa gara gara yaane Akka bassoo cirrachaa, wal-qabachuu dinnee walirraa facaane Adaraa Waaqayyo, waan hundumaa caalaa tokko nu taasisi Mootummaa kee keessa, walumaan jiraannaa waliin nu dhaalchisi ********************************************************* Dhugaan siniif ifee, sagalee Waaqayyoo gaafa dhageessani Akka waan hin beeknee, akka isa-hin hubannee maaf of duuchitani? Jecha laphee nyaatee, garaa nama raasuun isin ababbalaa Deebi obboleessa ko, deebi obboleettii ko, Adaraa jaalalaa!!! ************************************************

GALATA WAAQAYYOO, HAADHASAAF, FANNOOSAAF; BARA BARAAN AMEEN! Wax. 13.2008 B.A
Commentaires