top of page

Imimmaan Gaabbii ! kutaa 1ffaa

  • Dn. Solomon S.
  • Mar 5, 2017
  • 2 min read

Kobbee ko dubbadhu, mee waa naaf barreessi Kan garaan sitti hime, taa’ii natty odeessi Maal jedhe garaan koo, gaafa rafee ka’e Ergan du’ee turee, deebee nama ta’ee ******************************** Waan Addunyaa, hundaa arge Isa gogu, erga margee Lataa seenaan, baala baasee Na sossobuuf, isa lalise ****************************** Innii abidda, anis qilleensa Gaarii fakkaatee, na harkisa Itti hirkanaan, na baatee jige Na gubuuf, na fuudhee fiige fiigee ************************************* Gaafi gammachuun, na bashaasisee Waan hundaa ol, na fakkeesse Gaafii gaddaaf haariin, ana burjaajessee Nama hundaa gadi, fuudhee na taasise. ************************************* Argadhe jedhee, nyaadhee quufee Bulee ka’een, qullaatti hafe Quufee hin hafne, garaa dhiibee Beela koottin, dafee deebe ********************************** Gaafii beelli, naan taphatee Abdii kutuutti, ana late Quufnis dhufee, na jabeessee Jabbii quufte, na taasise *********************************** Dubbiin yaraan, egaa kana Dabaree dha, dubbiin bara kanaa Gaafa beelaa, hatee dhoskee Gaafa quufaas, fooniin yakkee ****************************** Kabaja koof, jooree labee Kabajameen, faayidaasaa dhabe Hunduu yeroof natti ho’isee booda qofaatti, na hambise *********************************** Yeroof garriin, hojiin biyya lafaa Na waliin hin turu, hundumtuu ni hafa Hunda ilaale, harkaan qabee Faayidaasaan, of-harkaa dhabe *************************************** Yaa Lubbuuko, maaf na dhaggeeffattaa Cubuu kana hundaaf, maaliif na kennitaa Maafin rafaa, akka du’aa? Nadammaqsi, ofiifan boo’aa ************************************************* Yaa anaa ko, boonyi naafi Yaa imimmaanii, kottu dafii Waaqni hundaa olii, lubbuu ko siif du’e Jabaan hundaa olii, siif dadhabaa ta’e ***************************************** Anaaf mala, laphee of reebuun Cubbuu kootiif,of adabuun Yartuun ta’e, oolmaa nyaattuu Kan yeroo hundaa, foonsheetiif jiraattu **************************************** Waaqa Israa’el, yaa Waaqa Abbootako Naaf fudhadhu, imimmaan koo Fuula dhiqee, lapheen yaasee Cubbuu kootiif, isan lolaase ************************************ Haadha Waaqaa, yaa Giiftii koo Naaf mil’adhu, imimmaan koo Waadaa qabda, isa fannoo jalaa Na araarsi, yaa haadha jaalalaa *********************************** Cuucii saree, ishee dheebotte Kophee keetiin, kan obaafte Fakkeenyasaan, na Uumeeraa Naaraarsi yaa, Haadha araaraa ************************************ Kabajamaa ta’uu koo, an yooman hubadhe Akka bineensaattin, gadhiisiin jiraadhe An yakkeera Waaqayyoo koo Xureesseera eenyummaa koo ************************************** Har’a ta’uushee beekee, guyyattiin fayyinaa Waa’ee cubbuu kootiif, dhiyeesse kadhannaa Warri dadhabdoonni, gara isaattti dhufna Manasaa jalatti, boqonnaa arganna *************************************** Cubbuu malee, cubbamaa hin jibbu Ni simata. Warra ofitti gaabbu Akkam gara-laafessa, egaa Waaqni keenya? Yeroo hin gubnuutii; kottaa gaabbii gallaa nuti hundi keenya…. GALATA WAAQAYYOO, HAADHASAAF, FANNOOSAAF itti fufuu

 
 
 

Yorumlar


bottom of page