top of page

Amantaa Kiristaanaa fi Itoophiyaa

  • Dn. Guta Ch.
  • Mar 5, 2017
  • 4 min read

Amantaan Kiristaanaa akkuma Baakoosiin Itoophiyaa gale baroota dheeraaf kaaba biyyaatti tureera. Namoonni baay’een kana sababa godhachuun Amantaan Ortodoksii kan saba Amaaraa fi kaabatti malee kan saba kanaa miti jechuun ni dubbatu. Waaqayyoo gaafa duuka bu’oota isaa gara addunyaatti ergu saba kanaaf qofa jedhee osoo hin ta’iin saba addunyaaf akka ta’ee kunoo ragaan keenya “Gara addunya adeema, Maqaa Abbaa Ilmaa, Haafura Qulqulluu, jedha cuuphuun duuka bu’oota koo taasisaa!’ (Maat. 20:28), ‘Maqaan koo hanga bantiillee addunyaa maratti, saba hin amanne biratti ni beekama, Maqaa koon aarsaa Libanoon(Ixaanaa) ni aarsama. Maaqan koos saba addunya biratti ni beekama. Ani waaqa isaanii nan ta’e. isaaniis ijoolee koo ni ta’u” (Milkiyaas 1:11), Qulqulluun Phaawuloosis “Saba Gaalatiyaa, Efeesoon, Qorontoos kan jedhamuun wal qooduun hin jiru, ijoollee Kaayeef (Pheexroos), ijoollee Phaawuloos, ijoollee Gooftaa Iyyaasuus jechuun hin jiru. Hundi keenya tokkodha. Budeena tokko qaban immis Iyyaasuus Kiristoosidha. Kiristoos yoom saba kanaa jdhame addaan hiramee?’ jedheera. (1Qor 10:16-18) sirna kadhannaa hundee amantaa kan jedhuu irratti “Tokkummaa Mana-Kiristaanaatti ni amanna” kan jennuuf kanaaf mitiree. Manni-Kiristaanaa Ortodoksii Taawahidoon amalummaa isheen tokkitii, qulqulleetii, kan hundaa, ergamummaa/ duuka bu’ummaa, fi Samii ta’uu isheettidha. Egaa yoom amantaan ortodoksii saban addan qoodamtee/ Fayyinni Kiristoosiis yoom baay’ina saban fi baay’iana namootan murteefamee dubbatamee? Egaa warreen amantaan Ortodoksii kan warreen kaabatti jedhaan sun waabii/ragaa qabuu moo soba baay’isaanii dhugaa itti fakkeessuun saba bolla dukkanatti darbachuudhaaf. Amantaan ortodoksii Taawaahidoo yeroo booda garuu bantiilee arfaniin gara Itoophiyaa hundaatti adeemuun babalattera. Namoota baay’een isaanii Amantaan Ortodoksii Amantaa siyaasaatidha jechuun namoota hedduu isaanii dogorsisuun jireenya haf

uurummarraa gara jireenya duukanatti fudhataniiru. 1pheexroos 3:17 Qulqulluun Phaawuloos “Dogognora namootaan harkifamtaanii cimina amanataa keessan irraa akka hin kufne of eegadha!” jedheef kanadha. Ilmi namaa waan nama ta’eef jireenya bara baraa akka argatuuf Waaqayyoo ni barbada. Waan mootii ta’eef, waan dura ta’aa ta’eef ani humnaan mootumaa Waaqayyoo nan dhala hin jedhu. Waan mootii ta’eef akkan barbadetti amantaa Kiristaanaarratti gidiraa nan geggeesa jedhee yaaduu ni danda’a. garuu Waaqayyoo wajjin waan wal loleef akka Mootii Heeroos humni isaa burtuka’ee rammoon burtuka’ee ni du’a. Namni tokko qabeenya waan qabuuf qabeenya isaan mootumma Waaqayyoo dhaluu fi amantaa bituu hin danda’u. (Hoj. Ergamoota boqonnaa afur). Kanaaf amantaa Kiristaanaa hiyyeesaa fi sooreesa, mootii fi mootitii, bifaan, saban, lagan osoo adda hin qodiin mootummaa Waaqayyoo ni lallabdi. Mee Dhugummaa amantaa ortodoksii Taawahidoo kan warren siyaasaatidha moo isheen paartii baantee kan siyaasaa geggeessutuu? Duuka du’oonni Gooftaa illee barumsaa isaanii kan barsiisuu eegalaan inni duraa manneen Mootoliif ture. Fakkeenyaaf yoo ilaale hojiin du’a bu’ootaa kan barreefameef mootii Tafiliwoos jedhamuuf Luqaas bareessera. Qulqulluun Phaawuloosiis mootolee sadiif barreessera. Mee mootolee maaliif cuuphtuu kan jedhaan macaafni qulqulluun mootoleen mootummaa Waaqayyoo Ganat hin galan jedhaanii? Mootummaasaa keessatti Waaqayyoo ati sooressa, hiyyeessa, gurracha diima, beekadha, walaladha jedhee adda hin fo’u. kan isaatti waaqessuu hunduu ijoolleessaatidha. Kanaf mootoleeniis ummaannis Waaqayyoof jilbifachuu qaba. Waaqayyoo mootii Daawit yeroo muduu mootummaan kee hanga bara baraatti kan jabatee ni ta’aa yennaa jedhee raajicha Saamu’el adeemi Daawit cuuphi jedheen waan Waaqayyoo Siyaasaa gegeesseefidhaa? Miti. Waaqayyoo warren mootolee of tulaan akka Nabukanatsor, Farahoon, Herodoos salphisee warren gad of qabaan muduu ni danda’a. haati keenya durboon Maariyaamiis kadhannaa ishee keessatti “Inni warren of tullaan ni salphisa” jettetti’oo. / Luq. 1:52 /. Yemmuu mootichi sun hojii gaarii rawwatee, sabni sun immoo mootii isaaf fi Waaqayyoof abboomamuu didee Waaqayyoo mootii gara jabeessa akka sabasaa humnaan jilbifachisee isaan bulchuu ni muda. “Sammuun hin yaadne dabarsee wanta biroof kenna” jedhameera. / Room. 1:26 / sabni Israa’el yeroo baay’ee mootolee gaarii fi kan yeroo maraa mataasaanii gad tumee bulchuun bulaa turaniiru. Mootoleen Waaqayyoo isaaniif kennuufis kan eebbifamee fi ogumaa kan qaban turan. Fakkeenyaf akka ogeessa Solomoon. Kakuu moofaa keessatti Israa’elitti aantee Waqayyoon kan waaqessuu eegaltee biyyaa keenya biyya Itoophiyaadha. Gooftaan keenyaan Iyyasuus Kiristoos duuka bu’ootasaatiin hanga baantii addunyatti deemaa sagalee koo lallabaa jedhee erge ture. Du’a bu’oota keessa Waaqayyoo akka qulqulluun Filiphoos Baakoof jandarabaa Itoophiyaa cuuphu taasiseera. Filiphoos bakkeewwaan lallabee baay’ee xiqqoodha. Duuka bu’oonni Gooftaa biros akkasuma; Baakos garuu duuka bu’aa Ardii Afrikaa ta’uun yeroo jalqabaaf sagalee Waaqayyoo lallabuu kan eegalee manneen mootolee keessattidha. Akka tasaa ta’ee mootolee osoo hin sodatin ijaa mootolee fuldura dhabbatee isisaan barsisuun akka Kiristaanummaa uffatan taasiseera. Waaqayyoo Gooftaanis “Kan fooniin isiin ajjeessan hin sodatina, kan lubbuu sodadha malee” akkuma jedhe. Maat. 19:28 /. Egaa haluma kanaan mootoleen Itoophiyaa jaaroota dheeraaf mootolee Kiristaanaa tateetti. Egaa akkuma jalqabaarratti kasuu yaaletti yeroo mara mootoleen gaariitu gara sabatti baha jechuunis baay’ee rakkisadha. Mootolee of tullaan Waaqayyoo aangoosaarra ni buusa. Raajichi Hoseenis “Sabni hin hubannee ni kufu” jedheera. 4:10 /. Manni-Kiristaanaa keenya kan mootoleen ykn dhabbataa dhuunfaa tokkon hoogamtu miti. Sinoodosii mataa ishee Dandeesse qabdi. Namni tokko dhuunfaan paartii ykn siyaasaa hordofuu ni danda’a. namni sun waan siyaasa hordofeef Manni-Kiristaanaa siyaasaa hordofti jechuu hin dandeenyu. Sababni isaas Manni- Kiriistaanaa kan hundumaatti malee nama dhuunfa tokko miti. Waqayyoos “Mootolee lamaaf bitamuun hin barbachisuu” Maat (6 :24) akkuma jedhee namoonni siyaasaa hordofaan yeroo ammaa kana Waaqayyoon dagataanii akka barbadanitti adeema jiraan ni huabanna. Xaa’oonni guddaan yeroo ammaa yoo jiraatee laphee guutuun siyaasaa fi hojii addunyaan liqimfamuudha. Walumaa galatti Manni-Kiristaanaa kayyoon ishee namoota Waaqayyoo wajjin wal qunnamsiisuun boruu jireenya bara baraa akka argatuufidha. Mootoleen bakka adda addaatti amantaa dawoo godhachuun garuu namoota baay’ee isaanii midhaaniiru. Mootiin sun amantaan isaa Ortodoksii waan ta’eef, Manni-Kiristaanaa Ortodoksii cuqursaa fi dirirsuu namootarraan geeggesite jechuu miti. Sababni isaas mootichi sun bataskaanaa Ortodoksii irratti mootii ta’e osoo hin ta’iin saba Itoophiyaa irrattidha. Akkuma Gooftaan “Kan qeesar, qeesariif, kan Waaqayyoo immoo Waaqayyoodhaaf’ jedhe, mootiin addunyaa kayyoon isaa kan biro yemmuu ta’uu bataskanni keenya immoo kaayyoon ishee saba hundaaf jireenya bara baraa lallabuudha.

 
 
 

Comments


bottom of page